Haati Vayirasii Koronaan Qabamte Daa’ima Vayirssicha Irraa Bilisa Ta’e Deeche

57

Finfinnee, caamsaa 17/2012(TOI) Finfinnee Hoospitaala Ekkaa kotobeetti Haati Covid-19 qabamtee hordoffii yaalarra turte daa’ima vaayirasich airraa bilisa ta'e deesse jedhame.

Samudni daa’imattii irraa fudhatame  vaayirasii Koronaa irraa bilisata’uun qorannoon mirkanaa'ee jira.

Covid-19 yeroo ulfaa haadha irraa gara daa’imaa darbuu isaa qoranoon gahaa godhame jiraachuu  baatus hanga amma haadha irraa gara daa’imaa carraan darbuu isaa baay’ee gad-aanadha jedhame. 

Vaayirasiin koronaa yeroo ulfaa fi dahumsaa haadha irraa gara daa’imaa carraan darbuu gadaanaa ta’uus da’umsa booda tutuqaa  harma hoosisuuf godhamuun carraan darbuu isaa olaanaa waan ta’eef of eeggannoo cimaa gochuun barbachisa ta'uus himame.

Haadholiin yeroo ulfaa weerara vaayirasii koronaa too' achuuf of eeggannoo barbaachisu hunda hojiirra oolchuu, nyaata madaalawaa fayyadamuu fi boqonnaa gahaa fudhachuu qabu.

Hordoffii ulfaa taasisuu akkasumas mana yaalatti dahuu darbees gorsa ogeessa yaalaa irraa kennamuuf sirnaan hojiirra oolchuu akka qaban Ministeerri Fayyaa beksise.

Ministirri Muummee Dr.Abiyyi  Kaleessa wayita hospitaalicha daawwatan haadha deesse kanaaf kennaa gumaachuun isanii ni yaadatama. 

Haati kun jimaata darbe daa’ima ishee yaala baqaqsanii wal’aanuun karaa nagaan ofkaluu kan ibsan Hoji Geggeessan Hospitaalichaa Dr.Yaared Aggidaw haatiif daa’iminis haala gaari irra jiru jedhan. 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015