Itoophiyaan Mirga Laga Abbayyaa irraa Qabdu itti Fayyadamuuf hojii Dipilomaasii Cimsitee itti Fufuu Qabdi

150

Finfinnee, Caamsaa 17/2012(TOI) Itoophiyaan mirga laga abbayyaa irratti fayyadamuu qabdu kabachiisuuf hojii dIipilomaasii hojjechaa jirtu cimsitee itti fufuu qabdi jedhan hayyoonni yunivarsiitii  Arbaaminci.

Pirezedaantiin Yunivarsiitichaa Dr Daamxoo Darzaa Hidha Haromsaa xumuruuf akkatuma duraanii deegarsi uummanni gochaa jiru jajjabeeffamuu qabaa jedhan.

Ijipti jalqaba irraa kaaftee mormii ifa hin taane geggessitus Itoophiyaan mirga ishee kabachiisuuf ijaarsaa fi bishaan guutuun otoo hin gufatin  dhimma dipilomaasii irrati xiyyeffachuun hojii hojjettu cimsuu qabdi jedhan.

 Itti fayyadama lageen daangaa qaxxamuran ilaalchisee qajeelfama  ifa ta’atu jira,  Itoophiyaanonni mirga laga Abbayyatti fayyadamu qaban kabajamuu fi qaba jedhan.

 Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii itti fayadama laggeen daangaa qaxxaamuranii ilalchisee walii galteen taasise biyyoonni yaa’a lagichaa itti fayyadama haqa irratti hndaa’en akka hojiirra oolu tumee jira.

 Dabalataanis biyyoonni yaa’a gara gadii fedhii diinagdee,hawasummaa fi haalli teessuma lafaa ,tokko fayyadamuun biyya yaa’a lagichaa isa  biraa irratti dhiibbaa cimaa akkataa hin geessifneen akka ulaagatti taa’ee jira.

Akkataa tumaa kanaan Itoophiyaan Laga Abayyaa misoomsitee mirga itti fayyadamuu akka qabdu hubachiisaniii jiru. 

Ogeessi Seeraa Obboo Hayiluu Boggaalaas Itoophiyaan qabeenya bishaan ishee hiitee itti fayyadamuu mirga idil-addunyaa qabdi jedhan.

Asiin dura hirmaannaa Itoophiyaa otoo hin hammatin Ijipti fi Sudaan waligalteen qofaatti taasisan haqa qabeessa akka hin taane yaadachiisuun hanga mirga biro hin miinetti laga Abbayyaa itti fayyadamuu dandeenyaa jedhan. 

Seerri Idil-adunyaa haqaqabeessummaa bu’uura kan godhate kan jedhan obbo Hayiluun waliigalteen yeroo bittaa kolonii mallattaahe ragasisuu filachuun bittaa kolonii filachuudha jedhan.

Xumuuramuun hidha kanaa lammiilee Itoophiyaa dhimma hiyyummaa keessa baasudha kan jedhan immoo ogeessa seeraa biro obboo Makraa Filahaa dha.

Humnoonni karaa itti fayyadaama haqaqabeessan ala socho’an gocha fokkisaa raawwacha akka jiran baruu qabanis jedhan. 

Ijipti Laga Abbayyaa irratti hidha guddaa Aswan  ijaaruun hanga yoonaa itti fayyadamaa jiraachuu ishee Itoophiyaan bu’uura waligaltee adunyaan hin dhorkine kan jedhan obbo Mokriyaan Itoophiyaan hojii dipilomaasii gochaa jirtu cimsitee itti fufuu qabdi jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015