Magaalaa finfinnee iddoowwan weerarri vaayirasii Covid-19 itti baay’atetti sochii daangessuun foohannaan godhamaa jira

108

Finfinnee, Caamsaa 16/2012 (TOI) Ministeeri Fayyaa Dr.Liyaa Taaddasaa Magaalaa Finfinnee iddoowwan weerarri vaayirasii koronaa itti baay’atetti sochii daangessuun hojiin foohannaa hojjetamaa jira jedhan.

Ministirri Fayyaa Dr.Liyaa Taaddasaa fi Itti Gaafatamaan Biiroo Fayyaa Magaalaa Finfinnee Dr.Yohaannis Caalaa tamsa’ina covid-19 ilaalchisee miidiyaaf ibsa kennan.

Dr . Liyaan akka jedhanitti guyyaa tokko keesatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabaman olaanaan galmaahe.

kaleessaa Namoota vaayirasiin koronaa irratti argame 61 keessaa 48 magaalaa Finfinne ta’uun isaanii vayirasichi magaalaa Finfinnee keessatti babal’achuu agarsiisa jedhame.

Kanneen keessaa immoo namoonni 43 namoota vayirasiin qabamaniin tuttuqaa fi imala biyya alaas kanneen hin qabne ta’uun vaayirasichi hawaasa keessa babal’achuu agarsiisa jedhame.

Magaalaa Finfinneetiin alas nama vaayirasichaan qabameen tuttuqaa kannen  hin qabnee fi imala biyya alaa warri hin qabne lakkoofsi isaanis dabalaa dhufee jira.

Mootummaan tatamsa’ina vaayirasii kanaa toohachuuf tamsa’inni vayirasichaa iddoo itti baay’atetti sochii daangessuun hojii adda baasuu hojjetaa jira jedhame.

Akka biyyaatti naannoo Gambeelladhaan alatti vaayirasichi naannolee hundatti kan mul’ate yoo ta’u akka biyyaatti nammota qabaman 494 keessaa harki 62 magaalaa Finfinnee keessayi.

Vaayirasichi magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa hunda keessattuu kan mul’ate yoo ta’u kutaa magaalaa Lidataatti nama 104 , kutaa magaalaa Addis katamaa immoo nama 28 ta’uun qabame.

Kutaa magaalaa lamaaniin alatti guyyaa har’aa kanneen qabaman keessaa 11 kutaa magaalaa Gullallee yoo ta’an kutaa magaalaa kanattis tamsa’inni vayirasichaa dabalaa dhufuu agrsiisa jedhan Dr.Liyaan.

Yeroo ammaa itti fayyadamni Golgaa Afaanif Funyaanii hawasa biratti dabalaa dhufus ofeeggannoon cimuu akka qabu akeekkachisan.

Mootummaan iddoowwan weerarrii kun babal’ataa jirutti sochii dangessuun hojii hojjetu cimsee itti fufa jedhan.

Hawaasni Musliimaa wayta ayyaana Id-Al-Fixrii kabaju ofeeggannoo gochuuqaba jedhan Dr.Liyaan.

Hogganaan Biiroo Fayyaa Magaalaa Finfinnee Dr.Yohaannis Caalaa vaayirasichi magaalaa Finfinnee iddoo hawaasni walitti rukkatee jiraatutti babbal’aachaa akka jiru ragaan ni ibsaa jedhan.

Dhaabbilee daldalaa, manneen waliin jireenyaa fi iddoo hawasni walitti siiqutti tamsa’inni vayirasichaa babal’achaa akka jiru hubannee jirra jedhan.

Iddoo tamsa’inni itti mula’tetti gara iddoo biroo akka hin tamsaane hojiin sochii daangessuun adda foohachuu itti fufas jeddhan Dr.Yohaannis.

Hawaasni ergaa ogeeyyii fayyaa fi mootummaa irraa darban hojii irra oolchuun tamsa’ina vaayirasichaa toohachuuf gahee isaa bahuu qaba jedhan.

Namoota guyyaa har’aa vaayirasichaan qabaman 61 keessaa 48 Finfinnee7, nannoo Somaalee 3, naannoo Affaar 2, naannoo Oromkiyaa fi namni 1 naannoo Amaaraa irraa akka ta’e ibsame.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015