Yaala haadholiif daa’immanii dabalatee tajaajila idilee irratti irranfachuun akka mul’ate ministeerri fayyaa beksise

315

Finfinnee caamsaa 15,2012 (TOI) Tajaajila fayyaa haadholii fi daa’immanii dabalatee tajajila yaalaa irratti dagannaan ni mul’ata jedhe Ministeerri Fayyaa.

Jilli Deetaa Ministeera Fayyaa Dr,Darajee Dhuguuman durfamu Yunivarsiitii Arsiitti Hospitaala Rifaraala Asallaa tajajila yaala idileee dawwatee jira.

Dr. Darajjeen TOI tti akka himanitti, weerara koronaan wal qabatee yaaddoon uumame sadarkaa biyyatti  tajaajila fayyaa haadholii fi daa’imanii dabalatee tajaajilli yaala idilee qabanaahera jedhan.

Dhaabbilee fayyaa keessatti of dagannaan kenna tajaajila yaala idilee akka jiru hubatamee jira jedhan Dr,Darajee.   

Fayyaa haadholii daa’immanii fi dhilee dadarboo fi daddarboo hin taanef xiyyeeffannoon  barbachisu akka kennamu mootummaan bifa haaraan tarsiimoo diriirsee kallattii kennee hojjetaa jira jedhan. 

Yunivarsiitii Arsiitti Hospitaalli Asallaa tajajila fayyaa haadholii daa’immanii fi dhibeewwan daddarboo fi dadarboo hin taane toohachuuf xiyeffanoon hojjetaa jiras jedhan. 

Tajaajjilli yaala haadholii, daa’immanii, tajaajilli dahumsa duraaf booddee yaaliin daa’immaan reefu dhalataniif kennamu xiyyeffannoo koronaaf kennamuu gadi ta’uu hin qabu jedhan Dr.Darajjeen.

Dabalataanis, daranyoon sombaa, HIV edsii, dhibee sukkaraa fi kanneen biro xiyyeffannoo barbaachisu argachuu qabu jedhan.

Hospitaala Asallaatti ji’aan hanga hadholii 600 ta’antu tajaajila yaala dahumsaa argataa jira kan jedhan Dr.Darajjeen yaala daa’imman reefu dhalataniin dhiphatus fooyyee qabaachuu ilaallee jirraa jedhan.

Kaayyoon daaw’annaa kanaas haadholii fi daa’imman akkasuma tajajilamtooni biroo tajaajilaaf gara dhaabbilee fayyaa wayta dhaqan weerara koronaa fi dhibeewwan daddarboof akka hin saaxilamne hanqina jiru laaluun qaawwa jiru duuchufi jedhan.

 Weerara koronaaf hoospitaala adda bahaniin alatti dhaabbileen fayyaa tajaajila idileef xiyyeeffannaa kennuu qabu kan jedhan immoo Itti Aanaa Itti Gaafatamaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dr.Abdulqaadii Galgalooti.

Hanqinni tajaajila yaala idilee irratti mul’achuu ibsuun tajaajila yaala idilee dadammaqsuun dhiiga gumaachuu irraa eegalee hojiin cimee itti fufuu qaba jedhan.

Pirezedaantiin Yunivarsiitii Arsii Dr.Dugumaa Aduunyaa Hoospitaalli Asallaa tajaajila haadholiif daa’immanii sadarkaa fooyyee irraan gahuuf birrii miliyoona 260 ta’uun giddugaleessa yalaa ijarsisuun xumuramee hojii eegalchiisuuf sochiirra jirra jedhan.

Ijaarsa giddugalichaaf birriin miliyoonni 110 bahii ta’uun meeshaaleen yaalaa tilmaama birrii miliyoona 150 ta’an immoo deegarsaan dhaabbata Iswiidin Hiwman Biriij jedhamu irraa galuu himan.

 Kanaanis Hospitaalli Rifaraalaa Asallaa tajaajila yaala fayyaa haadholii, da’immanii fi daa’imman reefu dhalatanii sadarkaa Olaanaa irraan gahuuf dhiphina hospitaalicha keessa jiru kan furuudha jedhan. 

Kutaa yaala cimaa daa’immanii keessa kan turte Aaddee Faaxumaa Eda’oo,daa’imni ishee akkan dhukkubsatee yaala baqaqsanii wal’aanuu tasifameefin amma haala gaarii irra jira jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015