Ogeeyyonni kalaqa Hojiisaanii Akka Dhiheessan Gaafataman

117

Finfinnee Caamsaa 11/2012 (TOI) Qormaata weerara kooviid 19 darbuuf qabeenyaa fi human keeenya walsimsiifnee fayyadamuu qabnajedhan Muummichi ministiraa Itiyoophiyaa Abiyyi Ahmad.

Muummichi ministiraa Abiyyi Ahmad fuula feesbuukii isaaniirratti “Bu’aawwan kalaqaa hedduun dhaloota qorameen” akka ta’e ibsan.

Qabeenyi ofii dhalli namaa kan uumamaan argate kan mul’atuu fi hin mul’atne kan jedhan muummichi ministiraa, dandeettiin keessoo immoo dhalli namaa dandeettii sammuu isaa yeroo rakkoodhaan qoratamutti caalatti faayidaa irra akka oolfaman ibsu.

Nuti Itiyoophiyaan kooviid 19 booda biyya caalatti fooyyoftuu fi qormaata moo’achuun dabarte arguuf humnoota kanneen sadan walsimsiifnee fayyadamuun dirqama keenya jedhan DoktorAbiyyi.

Tokkoo tokkoon qabeenya keenyaatti haalaan fayyadamuu qabna kan jedhan muummichi ministiraa qabeenyi baay’ifachuun amma argataniin qofa osoo hintaane haalli itti fayyadama qabeenyaas murteessaa ta’uu ibsan.

Akka biyyaatti qabeenya qabnu deebisnee itti fayyadamuuf humnaa fi tooftaa yeroo yeroon dabalaa deemuu akka qabnu kan ibsan Dr. Abiyyi, Kanaafis ummata keenya barsiisuu fi akkataa hubannoo isaanii akka dabaluuf hojjachuun itti gaafatamummaa hunda keenyaa ta’uu beeksisaniiru.

Qabeenyi guddaan dhala namaa sammuu irraa kan maddu waan taheef qabeenya beekumsaa keenya caalmaatti itti fayyadamuuf wal’aansoo cimaa gochuu irraa akka of hin qusanne waamicha dhiheessaniiru.

Qabeenya sammuu keenyaa gara qabeenyaatti kan jijjiirruuf karaan falaa hojii kalaqaati kanjedha Dr. Abiyyi, hojiiwwan kalaqaa rakkoo furuuf, baasii hir’isuu fi gatii salphaadhaan namoota baay’ee bira yoo gahe biyyi faayidaan hojii kalaqaa irraa argattu guddaa ta’a kan jedhan Dr Abiyyi,  Kanaafis irra deddeebiin yaaduu gaafata jedhan.

Kooviid 19 ittisaa, biyya fooyyafte ijaaruuf qabeenya qabnurratti hojii kalaqaa fayyadamaa weerara yeroon amaaf hinkennine kana yeroo isa dhoowwachuu akka dandeenyu eeran.

Yeroo ammaa kanatti baadiyyaa fi magaalaatti lafa hojii misooma qonnaaf mijataa ta’an oomisha nyaataaf ta’aniif oolchuu qabna kan jedhan Dr, Abiyyi industiriiwwanii fi hojjattoonni isaanii human qaban hundaa oomisha dabalataaf akka oolchan jajjabbeessuu qabna jedhan.

Qonnaa bultootni fi ogeessonni hojii qonnaa irratti hirmaatan jajjabeessuunis barbaachisaa akka ta’e kan ibsan Dr. Abiyyi, ganna dhufu biqiltuu biiliyoona 5 dhaabuuf karoorfame mudhii keenya jabeeffannee galmaan gahuu akka qabnu ibsan.

Dabalataanis lammiileen mana yoo turanitti hojiiwwan ogummaa fi sochii qaamaa osoo hin nuffiin hojjachuu fi jaalala biyyaa fi tokkummaa jabeessuu akka qabnu eeran.

Haala kanaan weerara koronaaf haala osoo hin mijeessine ijaarsa biyyaaf yoo tumsine shakkii tokko malee koronaa injifannee biyya keenya daandii badhaadhinaa irra sochooti jedhan Dr.Abiyyi.

Kanaaf immoo teeknolojii fi hojiiwwan kalaqaa artii caalatti akka human ta’an shakkiin hin jiraatu kan jedhan muummichi ministiraa ilaalcha ummataa kan guddisanii fi yaadawwan qormaatawwan gara carraatti jijjiiran yeroo kanatti akka nu barbaachisani bsan.

Kanaafuu mootummaan yeroo rakkoo kanatti haala jireenya ummataa fooyyessuuf teeknolojii fi lammiilee kalaqa aartii garaa garaa qaban jajjabeessuu akka barbaadu ibsan muummichi ministiraa.

Kanarraa ka’uun oomisha qonnaan bulaa fooyyessuu kan danda’an qajeelfamoota haaraa fi teeknolojiiwwan qonna magaalaa jajjabeessanii fi bu’aa qabeessa taasisan tooftaaleen addaa akka barbaachisan ibsan.

Kana malees, hojiiwwan omisha warshaa guddisan, lammiileen keenya yeroo mana turanitti waa dubbisuu fi dandeettii isaanii cimsuuf kalaqa hojjachuu, sochii qaamaa, hojii kalaqaa, barreeffamoota beekumsa teeknikaa dabaluuf gargaaran, muuziqaa, fakkiiwwan, diraamaa gaggabaaboo fi fiilmiiwwan barbaachisoodha jedhan.

Aartiiwwanii fi kalaqoonni tokkummaa ummataa, walbaruu fi jaalala biyyaa guddisan warri qaban yeroo kana ummataaf gadhiisuu akka qaban ibsan muummichi ministiraa.

Haala kanaan hanga fulbaana dhufuutti hojiiwwan kalaqaa fooyyee qaban miidiyaa fi waltajjiiirratti dhiyaataniif bara dhufu filachuun badhaasa kennuuf mootummaan qophiirra akka jirus ibsaniiru.

Hojiiwwan walfakkaataa warra qabaniif miidiyaa hawaasaarratti yeroon itti beeksifatan amma kan jedhan Dr. Abiyyi, hojiiwwan kanneen duuka bu’uun miidiyaa irraa fuudhanii galmeessuun badhaasaa qaama kaadhimu mootummaan yeroo dhiyootti akka dhaabus dabalanii ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015