Namoota 35 Irratti Vaayirasiin Koronaa Dabalataan Argame

64

Caamsaa 10 /2012(TOI ) – Qorannaa laabraatoorii sa'aa 24 darbe keessatti namoota 1771f gaggeeffameen namoota 35 irratti vaayrasiin koroonaa argamuusaa Ministeerri fayyaa beeksise.

Namoota vaayirasiin koronaa irratti argame 35 keessaa 6 seenaa imala biyya alaa kan qaban yemmuu ta’u, 24 ammoo namoota dhibichaan qabaman waliin tuttuqaa kan qaban, 5 seenaa imalaas ta'e tuttuqaa kan hin qabne ta’uun beekameera.

Namoota soddomii shanan keessaa 29 Finfinneerraa, 1 Oromiyaarraa ta’ee konkolaachisaa daangaa qaxxaamururra kan hojjetu, 4 naannoo Somaalee bakka adda baasuun tursan Jigjigaarraa, 1 naannoo Amaaraa tursa addaa magaalaa Axaayyeerraa ta'uu ibsaniiru Ministirri fayyaa DR. Liyaa Taaddasaa ibsaniiru.

Namoonni kanneen 17 dhiira, 18 ammoo dubartoota yemmuu ta’an, umuriinsaanii waggaa 18 amma 80 akka ta’e ibsameera.

Amma ammaatti waliigalaan Ityoophiyaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaatin qabamanii 352 qaqqabeera kan qaqqabe yemmuu ta’u,

qorannaan laabraatoorii namoota 59,029f taasifameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015