Waldaan Geejiba Dhuunfaa Tolaan Tajaajila Kennuu Itti Fufeera

80

Finfinnee Caamsaa 7/2012 (TOI) – Hanqinni geejjibaa vaayirasii koronaaf akka hin saaxille baatii tokkoof tolaan tajaajila kennaa kan ture geejjibni dhuunfaa tajaajila kennuu itti fufuunsaa ibsame.

Koreen ministirootaa koronaa ittisuuf hanqinaa fi baay’ina namaa dame geejibaarratti mul’atu hir’isuuf konkolaattonni mootumma tajaajila akka kennan qajeelfama dabarsuunsaa ni yaadatama.

Kana malees waldaalee geejjibaa dhuunfaan rakkoo kana salphisuuf tajaajila geejibaa tolaan baatii tokkoof kennaa dhuran dheeressaniiru.

Waldaalee dhuunfaa tolaan tajaajila kennan keessaa itti gaafatamaan bobbaasaa waldaa geejibaa qaxxaamura biyyaa  obbo Hayimaanoot Abbaabbuu TOIf akka himanitti hanqina geejjibaa magaalaa Finfinnee Atobisoota 8 8 dhaabbataan ramadeera.

Atobisoonni 8 kunneen Meeksikoorraa kan ka’an yemmuu ta’u, hoo’ina kan adda baasuu fi saanitaayizarii imaltootaaf akka kennan himaniiru.

Gama biraatiin waldichi gara kutaalee biyyaatti yoo ba’u qaama miidhamtoota, poolisoota, miseensota raayyaa ittisa biyyaa fi barsiisota dhibbantaa 50 hir’isee tajaajila kennaa akka jiru ibsaniiru.

Abbaa taayitaa geejjibaa federaalaatti daarektarri komunikeeshinii obbo Yigzaawu Daanyew akka jedhanitti, rakkoo geejjibaa magaalaa Finfinnee furuuf Buufataalee konkolaataa jahanittuu guyya guyyaatti konkolaattota 70 ramadaa jiru.

Atobisii Zaman dabalatee rakkoo geejjibaa furuuf waldaaleen konkolaattotaa dhuunfaan 25 akkasumas konkolaattonni dhaabbilee ministeera geejjibaaf itti waamamanirraa argaman 14 bobba’uusaanii kan himan ammoo abbaa taayitaa geejjibaa Finfinneetti daarektarri konkolaattota ummataa fi fe’isaa obbo yooseef Tasfaayeeti.

Tatamsa’ina koronaa dame geejjibaarratti mul’atu ittisuuf konkolaattonni dhibbantaa 50 qofa waan fe’aniif sababa Kanaan walsimuu dhabuu uumame hiikuuf hojjetamaa jira.

Hojiirra oolmaa kanaaf Atobisoonni paabiliik sarviisii 100 dhaabbataadhaan akkasumas Atobisoonni pabiliik sarviisii 50 hojjettoota erga bakka hojiin ga’anii booda jiraattotaaf tajaajila kennaa akka jiran dubbataniiru.

Fuuldurattis konkolaattonni dhaabbilee federaalaa kanneen biroon hojiitti galchuun rakkoo dame Kanaan mul’atu furuuf koreen dhaabachuusaa ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015