Cilgaa fi naannawaasheetii lammiilee buqqa’aniif deeggarsi birrii miiliyoona 1.3tti hiiqu taasifame

62

Gondor Amajjii /2011 Giddu gala Gondor Cilgaa fi naannawasheetti walitti bu’iinsa uumameen lammiilee buqqa’an deebisanii dhaabuuf deeggarsi maallaqaa fi meeshaalee addaddaa birrii miiliyoona 1.3tti hiiqu taasifameera.

Waajjira ittisa balaa godinichaatti hoogganaan garee ofeeggannoo dursaa fi deebii kennuu obbo Abdallaa Nuur Huseen akka dubbatanitti, buqqaatotaaf deeggarsa kan taasisan dhaabbilee fi namoota dhuunfaa magaalichatti argamanidha.

Haala kanaan Yunivarsiitiin Gondor deeggarsa birrii miiliyoona tokkoo taasiseera.

Kana malees kolleejiin Jigaan qorqoorroo tilmaamnisaanii birrii kuma 150 baasu 500 gumaacheera.

Dargaggoon Habtaamuu Yaalewu jedhamu buqqaatota buufataalee Ayimbaa fi Tikil Dingaayitti argamaniif baasii birrii kuma 140n kan bite uffata halkanii 400 kenneera.

Dargaggoon kun Kana duras buqqaatota naannoo Beeniishaangul Gumuzii buqqa’anii dahannoo Naqamteetti argamaniif daakuu kuntaala 40 kennuunsaa ni yaadatama.

Godinichatti baatii lamaan dura walitti bu’iinsa uumamee tureen namoonni buqqa’an kuma 40 dahannoo yeroof qophaa’e keessatti akka argaman ragaan waajjira ittisa balaa godinichaarraa argame ni agarsiisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015