Muuxannoon Qonna Jallisii Shawaa Bahaa Naannawoota Birootti Babal’achuu Qaba---Ambaasaaddar Girmaa Birruu

76

Adaamaa Caamsaa 6/2012 (TOI) – muuxannoon gaarii misooma jallisii naannoo Oromiyaa godina Shawaa bahaatti argame naannawoota biyyattii biroottis babal’achuu akka qabu ambaasaaddar Girmaa Birruu ibsan.

Daawwannaan misooma qonnaa itti gaafatamtoonni olaanoo federaalaa fi naannoo  keessatti hirmaatan aanaalee godinichaa addaddaa keessatti har’a adeemsifameera.

Daawwannaa kanarratti kan argaman sadarkaa ministiraatti gorsaan dinagdee maakiroo muummee ministiraa Ambaasaaddar Girmaa Birruu akka jedhanitti, jireenya qonnaan bulaa fooyyessuu fi dhiheessii oomishaalee qonnaa guddisuuf qonni jallisii godinichatti adeemsifamaa jiru muuxannoon gaarii kan irraa fudhatamudha.

Misoomni jallisii qonnaan bultoonni teekinoolojii qonnaatti fayadamanii taasisan wabii nyaataa mirkaneessuu fi oomishaa fi oomishtummaa qonnaa guddisuuf murteessaa ta’uu himaniiru.

Yaaliin qonnaan bultootaa cimee akka itti fufu deeggarsi teekinooloojii, galtee fi faayinaansii taasisuun barbaachisaa akka ta’e dubbataniiru.

Muuxannoon qonnaan bultoota hojiiwwan misoomaa Avokaadoo, Paappaayaa fi kanneen walfakkaatanirratti bu’aa gaarii agarsiisanii qindaawee kannen biroof darbuu akka qabu yaadachiisaniiru.

Misooma jallisii kanatti kan hirmaate qonnaan bulaa Caalaa Eebbaa akka jedhanitti, qonna Paappaayaa oyiruu heektaara tokkoo fi walakkaarratti misoomsaa jiran irraa torbanitti birrii 12 amma 16 argachaa jiru.

Fuuldurattis walitti hidhiinsi gabaa akka uumamuu fi gabaan faddaaltotarraa adda ta’e akka jiraatu deeggarsa qaamolee dhimmi ilaaluu gaafataniiru.

Fayyadamaa misooma jallisii kan ta’an kan biraan qonnaan bulaa Kinfee Bulbulaa gamasaaniitiin maatii waliin ta’uun Timaatimiin heektaara lamarratti misoomsan madda galii dhaabbataa uumeeraaf.

Oomishni Timaatimii gabaa naannawaa fi Finfinneef dhiheessan torbee torbeen amma birrii kuma 10 waan argamsiisaniif maatiisaanii haala gaariin bulchuuf isaan gargaareera.

Daawannaan kun koreewwan gorsitootaa dinagdee maakiroo mootummaa federaalaatiin kan gaggeeffame yoo ta’u, pirezidaantiin naannichaa obbo Shimallis Abdiisaa, bulchaan baankii biyyaalessaa Dr. Yinnaager Dasee fi pirezidaantiin baankii daldalaa obbo Abbee Saanoo dabalatee itti gaafatamtoonni olaanoo hirmaataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015