Gareen Pirezidaantii Naannoo Oromiyaatiin Durfamu Hojiiwwan Misoomaa Aanaalee Godina Shawaa Bahaa Daawwachaa Jira.

61

Adaamaa Caamsaa 6/2012 (TOI) – Gareen hoggantoota olaanoo pirezidaantii naannoo Oromiyaa obbohShimallis Abdiisaatiin durfamu hojiiwwan misoomaa  aanaalee daawwachaa jira.

Buufataaleen biqiltuu ganna dhufu dhaabamanii fi oyiruun qonnaan bulaa jallisiin misoomaa jiru hojiiwwan misoomaa gareen kun daawwachaa jiru keessatti argamu.

Daawwannaa saa’a duraatiin gareen kun aanaa Adaamaa Abokaadoo Sodoree dabalatee buufataalee biqiltuu kuduraa fi muduraa, aanaa Dugdaatti misooma jallisii Paappaayaa qonnaan bulaa ilaaleera.

Pirezidaantiin Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Acdiisaa, Ambaasaaddar Girmaa Birruu, Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Dr. Yinnaagar Dasee fi pirezidaantiin baankii daldalaa obbo Abbee Saanoo hooggantoota federaalaa fi naannoo kanneen daawwannaa kanarratti argamanidha.

Daawwannaan kun saa’a boodas itti fufeera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015