Namoonni Vaayirasiin Koronaa Irratti Aragame 272 Ga’an

52

Caamsaa 6/2012 (TOI) – Sa’aatii 24 darbe Itiyoophiyaatti qorannoon laaboraatoorii 3580 taasifameen namoota 9 irratti dabalataan vaayirasiin koronaa kan argame yoo ta’u, walumaa gala amma ammaatti lakkoofsi namoota vaayirasiin koronaa irratti argame 272 ga’eera.

Ministeerri fayyaa har’a akka beeksisetti vaayirasichi kan irratti argame dhiira 5 fi dubartii 4 yoo ta’u hundi lammii Itiyoophiyaa, umuriinsaanii waggaa 17 amma 66 ta’uun beekameera.

Namoonni vaayirasichi irratti argame 5 Finfinnee, 4 ammoo naannoo Somaalee bakka adda baasuun tursiisaa Jigjigaarraa akka ta’e beekameera.

Kanneen keessaa 4 seenaa imala biyya alaa kan qaban, 3 namoota dhibee Kanaan qabame waliin tuttuqaa kan qaba, 2 ammoo seenaa imala biyya alaas kan hinqabnee fi namoota vaayirasii Kanaan qabame waliin tuttuqaa kan hin qabne ta’uunmirkanaa’eera.

Walumaa gala vaayirasichi kan irratti argamee mana yaalaa jiran 157 yoo ta’u, 108 ammoo bayyanataniiru.

Namoonni 5 lubbuun kan darban yoo ta’u, amma ammaatti namoota kuma 45 fi 278f qorannaan laaboraatoorii taasifamuusaa ministeerri fayyaa beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015