Vaayirasii Koronaa Ittisuuf Tarkaanfiiwwan Ofeeggannoo Cimuu qabu---Dhaabbata Fayyaa Addunyaa

53

Finfinnee Caamsaa 6/2012 (TOI) – Vaayirasiin koronaa yeroo dheeraaf turuu waan danda’uuf tarkaanfiiwwan ofeeggannoo cimsuun akka barbaachisu dhaabbanni fayyaa addunyaa hubachiise.

Itti gaafatamaan dhimmoota yeroo muddamaa dhaabbatichaa Dr. Maayik Riyaan ibsa kaleessa gaazexessootaaf kennaniin akka hubachiisanitti vaayirasichi yoom akka dhaabbatu tilmaamuun rakkisaa waan ta’eef vaayirasichaan akka hin qabamne ofeeggannoon taasifamu itti fufuu qaba jedhaniiru.

Talaalliin illee yoo argame yaaliin dhukkuba kana to’achuuf taasifamu cimsuu akka barbaachisu himaniiru.

“Vaayirasiin kun ummata keessa waan turuu fi weerara waan hordofsiisuuf dafee kan badu miti” jedhaniiru.

“HIVn hinbanne, haata’u malee vaayirasicha karaan itti to’annu jira” kan jedhan Dr. Riyaan, Vaayirasiin koronaa “yoom akka badu tilmaamuun hin danda’amu”jechuun dubbataniiru.

Wayita ammaa talaalliiwwan 100 ol yaaliirra akka jiran itti gaafatamaan kun beeksisaniiru.

Dhukkuboonni kanneen akka gifiraa talaalliin argameef guutummaatti akka hin banne eeraniiru.

Daarektarri olaanaa Dhaabbatichaa Dr. Tewoodiroos Adhaanoom gamasaaniitiin, vaayirasicha to’achuun akka danda’amu abdiin qaban  ibsaniiru.

“Dhukkuba kana haalli itti to’annu harka keenya jira, hojii hunda keenyaa ta’uu qaba. Weerara kana to’achuuf ga’ee keenya ba’uu qabna”jedhaniiru.

Weerara kana to’achuuf biyyoonni tarkaaniiwwan fudhatan cimsuun alatti laaffisuu akka hin qabnes hubachiisaniiru.

Kooviid-19 addunyaarratti namoota kuma 300 akka ajjeesee fi namoota miiliyoona 4 tuqaa 3 ammoo akka qabe meeshaaleen sabquunnamtii addunyaa gabaasaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015