Bu’a Qabeessummaa Qonnaaf Dursi Ni Kennama --- Muummee Ministiraa Dr. Abiyyi Ahimad

56

Caansaa 5/2012 (TOI) – Hojiin qonnaa Itiyoophiyaaf utubaawwan dinagee kanneen olaanoo keessaa isa tokkodha jedhan muummeen ministiraa Dr.Abiyyi Ahimad.

Jireenyi ummattoota hedduu qonnaa waliin kan walitti hidhatu yoo ta’u, bu’a qabeessummaan damee qonnaa dursi kan kennamuuf ta’uu ibsaniiru.

Guyyaa har’aa hooggantoota naannolee fi itti gaafatamtoota biiroo qonnaa waliin marii taasisuusaanii kan ibsan muummeen ministiraa Dr. Abiyyi, marichis midhaan kanneen akka qamadii fedhii jiru oomisha biyya keessaatiin guutuuf humni nu harka akka jiru kan agarsiisedha jedhaniiru.

Qabeenya bishaanii keenya sirriitti itti fayyadamuun, humna namaa keenya ga’oomsuu fi beekumsa qonnaa guddisuudhaan, lafa hin misoomne misoomsuudhaan fi teeknooloojiiwwan fayyadamuudhaan, waliin taanee yoo hojjenne yeroo dhihoo keessatti milkaa’inoota hedduu ni galmeessina jechuun fuula feesbuukii isaaniirratti barreessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015