Ijaarsi Pirojektii Bishaan Dhugaatii Baakkoo Tibbee Bara Bajataa kanatti Akka Xumuramu Ibsame

74

Finfinnee Caamsaa 5/2012 (TOI) - Ijaarsi Pirojektii bishaan dhugaatii Baakkoo Tibbee bara bajataa kanatti akka xumuramu ibsame.

Ijaarsi Pirojektii bishaan dhugaatii qulqulluu godina Shawaa Lixaa aanaa Baakkoo Tibbee magaalaa Baakkoo komii guddaa kaasaa ture dhuma bajata waggaa kanaa Waxabajiitti tajaajila kennuu ni eegala.

Hojiin pirojektichaa bara 2006 eegale waggaa lama gidduutti xumuramee tajaajila kenna jedhamee yaadamus, rakkoo dizaayiniirraa kan ka'e hojiinsaa addaan cite ture.

Hojiinsaa gaafa jalqabsiifamu tajaajila bishaan dhugaatii qofaaf yaadamee ture amma jallisii waliin akka tajaajiluuf yaadamee hojiin bishaan laga Gibeerraa kanaaliin diriirsuu hojjetamaa jira jedha gabaasni BDhKMNO.

Pirojektichi waggaa afuriif gorsaa malee hojjetamaa turee bara 2010 walakkaatti gorsaan akka seenu taasifamee, jalqabatti qar. Mil. 23n hojjetama jedhamee kan ture dizaayiniinsaa keessa deebiin qoratamuun qar. Mil. 40tti akka guddattu kabineedhaan murtaa'uun hojjetamaa jira.

Yeroo ammaa hojiin ujummoo diriirsuu kan raawwatame yoo ta'u, bara kana Waxabajjii bara 2012tti tajaajila kennuu ni eegala jedhameera.

Wayita xumuramutti rakkicha hanga tokko yoo fure malee harki 40 bishaan dhugaatiif, 60 jallisiif ta'uunsaa ammas waliin gahiinsaa fi bulchiinsasaarratti rakkoo uuma shakkii jedhu uumuunis himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015