Magaalaan Chaayinaa Wuhaan Jiraattotashee Qorachuu eegalte

72

Finfinnee Caamsaa 5/2012 (TOI) – Addunyaarratti yeroo jalqabaaf vaayirasiin koronaa (Kooviid-19) kan keessatti mul’ate magaalaan Chaayinaa Wuhaan vaayirasichi deebi’ee mul’achuurraa kan ka’e jiraattota magaalaattii hunda qorachuu eegalte.

Magaalaattiitti kan argaman bulchiinsi naannoo hundi guyyaa kudhan keessatti qorannoo taasisuun xumuruuf wantoota barbaachisan akka dhiheessan mootummaan biyyattii kaleessa ajaja dabarsee ture.

Ajajni kun kan darbe vaayirasii koronaaf ka’umsa kan taate magaalaa Wuhaan keessatti Sanbataa fi Dilbata darbe vaayirasiin kun namoota jaaharratti erga mul’atee boodadha.

Baatii tokkoof namni vaayirasiin irratti argame haaraan kan keessatti hin mul’anne magaalaan Wuhaan, vaayirasichi deebi'ee ’akka hin mul’anne guyyaa har’aa jiraattota magaalaattii qorachuu eegalteetti.

Magaalaan Wuhaan sababa vaayirasii Kanaan torbee kudha tokkoof dhorkaa sochii keessa erga turtee booda tobee lammaffaa baatii Eblaa keessa sochii bantee turte.

Magaalattiitti torbee muraasaaf manneen barnootaa banamanii, dhaabbileen daldalaa hojii eegalanii akkasumas tajaajilli geejjibaa jalqabuusaaniitiin jireenyi kanaan duraa deebi’ee ture.

Sanbataa fi Dilbata  vaayirasichi namoota jaha irratti mul’achuusaatiin magaalaatiin sochii dhaabuu baattus, jiraattonni ofeeggannoo cimaa ta’een sochii guyya guyyaa wayita taasisan suuraan deeggaree agarsiiseera.

Qorannoon kun har’a kan eegalame yoo ta’u, akkaataa karoora ba’een kutaan magaalaa hundi guyyaa kudhan keessatti qorannoo taasisanii akka xumuranidha.

Haa ta’u malee BBCn kaleessa akka gabaasetti, jiraattota hunda qorachuuf karoorri guddaa kun baasii guddaa akka gaafatuu fi bu’a qabeessa akka hin taane ogeeyyonni fayyaa muuxannoo yeroo dheeraa qaban dubbachaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015