Godina Wallaggaa Bahaatti bokkaan Qilleensaan Makatee Roobe Manneen Jireenyaa Fi Qabeenyaarratti Miidhaa Geessise

68

Naqamtee Caamsaa 05/2012(TOI) – Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Kiiramuutti bokkaan qilleensaan makatee Roobe manneen jireenyaa fi qabeenyaarratti miidhaa geessisuusaa waajjirri dhimmoota komunikeeshinii godinichaa beeksise.

Itti gaafatamaan waajjirichaa obbo Taakkalaa idoosaa akka jedhanitti, Caamsaa 3 bara 2012 galgala sa’aatii 12 booda ganda Ashuu Kusaayee magaalaa xiqqoo kutii jedhamtutti bokkaan qilleensaan makatee robe qabeenyaa birrii miiliyoona 1 tuqaa 5tti tilmaamamu irratti miidhaa geessiseera.

Bokkaan guyyas robe qorqoorroo manaa buqqisuun caccabsee manneen jireenyaa 52 faayidaa ala taasiseera, suuqiiwwan hedduun qabeenyaa isaanii waliin mancaaseera.

Roobni kun lubbuu namaarratti miidhaa kan hin geessifne yoo ta’u, loonirratti garuu miidhaa xiqqaa geessiseera.

Soolaariin ummanni magaalichaa itti fayyadamu kan birrii kuma 350 baasus faayidaan ala ta’eera.

Namoonni manni jireenyaa roobaan jalaa diigame Sharaa diriirsanii kan daheeffatan yoo ta’u, hojii mana suphuurrattis akka argaman obbo Taakkalaan ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015