Vaayirasiin Koronaa Dabalataan Namoota Lama Irratti Argame

45

 Caamsaa 05/2012(TOI) - Saa'ati 24 darbe  qorannoo laabooraatorii nammota 2650f taasifameen namoota 2 irratti vaayirasiin koronaa argamuu Ministirri Fayyaa Dr. Liyaa Taaddasa ibsa.

Namoonni vaayirasichi irratti argame lachuu dhiira yoo tahan umriin isaanii  24 fi 34 ta’uus himaniiru.

Namoonni 2 vaayirasicharra kan bayyanatan yoo tahu waliigala namoonni 108 vaayirasii koronaarra bayyanachuusaanii Dr. Liyaa Taaddasaa himaniru.

Itoophiyaatti lakkoofsi namoota vaayirasi koronaan qabaman 263 gaheera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015