Manni Maree Ministirootaa Walga’ii Ariifachiisaa 20ffaatiin Dhimmoota Garaa Garaa Irratti Mari’atee Murtee Dabarse

54

Finfinnee Ebla 29/2012 (TOI) – Manni maree ministirootaa wal ga’ii ariifachiisaa 20ffaa har’a taa’een dhimmoota garagaraarratti mari’atee murtee dabarseera.

Manni mariachi ibsa TOIf ergeen dhimmoota gurguddoo afur dhihaatanirratti mari’atee murtoolee dabarseera.

Manni maree kun jalqaba kan mari’ate kaawunsiliin waldaalee kiristaanaa amantoota wangeelaa Itiyoophiyaaf qaama seerummaa kennuuf wixinee labsii dhihaate irratti yoo ta’u, dhaabbilee biyyaalessaa waldaalee kiristaanaa wangeelaa Itiyoophiyaa fi gamtaaleen waldaalee kiristaanaa dhaabaniif qaama seerummaa kennuun sirrii  waan ta’eef wixineen labsii qophaa’ee mana marichaaf dhihaateera.

Manni maree kun wixinee labsii kanarratti bal’inaan mari’atee akka mirkanaa’uuf mana maree bakka bu’oota ummataaf akka darbu murteesseera.

Itti aansuun manni marichaa imaammata geejjibaa biyyaalessaarratti mari’ateera.

Xiyyeeffannoon olaanaa imaammata kanaa walitti hidhiinsa dinagdee fi hawaasummaa damee geejjibaa teekinooloojii infoormeeshinii ammayyaan akka deeggaramu, tajaajila qindaa’aa fi si’ataa akka kennu taasisuuf kallattii ittiin hoogganamu kaa’uudha.

Dameen geejibaa tarsiimoo dhaabbataa fi bulchiinsaa hordofuu qabu adda baasuudhaan galma milkeessuu barbaadan, walitti hidhiinsa baadiyaa fi magaalaa, walitti hidhiinsa magaalaa fi magaalaa, walitti hidhiinsa idil addunyaa, akkasumas hariiroo biyyoota naannawaa cimsuudhaan guddina biyyattii gama itti fufsiidhuutiin ga’eesaa akka ba’u gochuuf sanadni qophaa’ee manammareef dhihaateera.

Manni maree kunis wixinee imaammataa kanarratti bal’inaan mari’atee kan fooyyessu fooyyessee hojiirra akka oolu murteesseera.

Dhimmi biraa kan manni maree kun irratti mari’ate imaammata dame lijistiiksiirrattidha.

Dinagdee biyyattii gabbisuuf dameewwan hundaaf sanadoonni imaammataa addaddaa qophaa’uusaanii ibsi kun agarsiisee, haa ta’u malee dameeleen dinagdee imaammanni bocameef wayita hojiirra oolan dameen shoora olaanaa ba’u imaammataan deeggaruun barbaachiseera.

Hooggansa, gurmaa’insaa fi hojmaata dame kanaa kenniinsa tajaajilaa fi ijaarsa bu’ura misoomaa logistiiksii hirmaannaa dame dhuunfaa guddisuuf, akkasumas dameen loojistiiksii dargaggootaaf carraa hojii uumuudhaan dameelee dinagdee kanneen biro waliin waldeeggaree akka guddatuuf imaammanni dame loojistiiksii biyyaalessaa qophaa’ee mana marichaaf dhihaateera.

Manni marichaas wixinee imaammataa dhihaaterratti mari’atee qabxiiwwan tokko tokko fooyyessee hojiirra akka oolu murteesseera.

Xumurarrattis wixinee danbii baankii misoomaa hundeessuuf ba’e fooyyessuuf wixinee dhihaaterratti kan mari’ate yoo ta’u, baankiin misoomaa Itiyoophiyaa baankii imaammataa waan ta’ee fi karoora misoomaa biyyattii raawwachiisuuf humna akka argatu kaappitaala baankichaa guddisuun waan barbaachiseef wixineen fooyyessa imaammataa kun qophaa’ee mana maree kanaaf dhihaateera.

Manni maree kun wixinee kana raggaasuudhaan gaazexaa magalataarratti ba’ee hojiirra akka oolu murteesseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015