Godina Gujiitti Vaayirasii Koronaarraa Ofeeggachaa Biqiltuun Miiliyoona 18 Dhaabame

195

Nagallee Ebla 29/2012 (TOI) – Godina Gujiitti vaayirasii koronaa ittisuun cinaatti misooma magariisaa babal’isuuf biqiltuun miiliyoona 18 caalu dhaabamuu waajjirri qonnaa fi qabeenya uumamaa ibse.

Godinni Gujii irra caalaan bosonaan kan uwwifame ta’us, sababoota qubannaa ummataa, hojii albuuda baasuu fi gammoojjimmaa naannawa kanaatiin bosonni suuta suuta hir’achaa dhufuunsaa ibsameera.

Manca’insa bosonaa balaa uumamaa fi namtolcheen dabalaa dhufe bakka buusuuf godinichi hojii eegumsa naannoo misooma magariisaa sagantaa biyyaatiin wal sime hojjechaa jira.

Godinichatti wayitiin gannaa duree waan seenuuf vaayirasii koronaa ittisuun cinaatti misooma magariisaa babal’isuudhaan dursee biqiltuuwwan addaddaa dhaabaa jira.

Waajjira qonnaa fi qabeenya uumamaa godinichaatti ogeessi qabeenya uumamaa obbo Wandoo sharbottee akka jedhanitti godina Gujii aanaalee 14 keessatti biqiltuun miiliyoona 150 dhaabbiif qophaa’eera.

Rooba Arfaasaatti fayyadamuudhaan kanneen keessaa baatii tokko qofaatti biqiltuu miiliyoona 18 fi kuma 400 dhaabameera.

Biqiltuun barana qophaa’e kan bara darbee miiliyoona 33n kan caalu yemmuu ta’u, kanneenis gaattiraa, Koosoo, BirbirsaWaddeessa Giraaviiliyaa, nyaata loonii fi mukni gaaddisaa isaan gurguddoodha.

Bakka dhaabbiitti vaayirasii koronaaf akka hin saaxilamne qonnaan bultootaa fi horsiisee bultoota fageenyasaanii eeganii biqituu dhaabuurratti  hirmaatan kuma 59 fi 600 keessaa kuma 11 fi 557 dubartoota ta’uu himaniiru.

Kana malees bishaan, saamunaa fi saanitaayizarii fi meeshaaleen qulqullinaa dhihaachuu eeraniiru.

Dabalataanis hojjettoonni buufata misoomaa karaa vaayiresichi itti darbu qonnaan bultootaa fi horsiisee bultootaaf barumsa kennaa akka jiran dubbataniiru.

Waggaa darbe biqiltuu miiliyoona 117 kunuunsi taasifameefii miiliyoona 108 qabachuunsaa mirkanaa’eera.

Godinichatti aanaa Liiban jiraataan ganda ma’eessaa Daaloree obbo Naasir abdallaa akka jedhanitti mukni ijaarsa manaa, qoraanii fi qonnaaf waan ciramuuf gammoojjummaaf saaxilamuusaanii ibsanii, gogiinsa osoo hin yaadamiin mudatuun sigigaachuu lafaa, biyyoon haphachuu fi lolaa fi bubbee hamaan yaaddoo guyya guyyaa ta’uu yaadataniiru.

Misooma magariisaa babal’isuudhaan gogiinsa ittisuun dirqama ta’eera kan jedhan jiraataa ganda kanaa kan braan Musxafaa Mahaammad”kaka’umsa kootiin biqiltuu qopheessee dhaabuu kanin  eegalee waggaa shan dura” jedhaniiru.

Waggaa kana biqiltuu gaattiraa buufata dhuunfaasaaniitti qopheessan 350 keessaa 189 akka dhaaban eeraniiru.

Vaayirasiin Koronaa yaaddoo ta’us misoomni dhaabachuu waan hin qabneef maatiikoo hirmaachisee tuttuqaarraa eeggachuudhaan biqiltuu dhaabuu itti fufneerra jedhaniiru.