Hinditti Kuusaan Keemikaalaa Dhangalaasee Namoonni 6 Du’an

67

Ebla  29/2012 (TOI) – Hinditti kuusaan keemikaalaa dhangalaasee namoonni 6 yemmuu du’an, namoonni kuma 1 ammoo Hoospitaala galaniiru.

Hindi bahaa bulchiinsa Andiraa Paaraadaash magaalaa Industirii kan taate magaalaa Viskahampten kubbaaniyyaan kuusaan keemikaalaa Aljii irraa keemikaalli dhangala’e  namoota 6 ajjeesee namoonni kuma tokko ta’an of wallaalanii hoospitaala galaniiru.

Kubbaaniyyaan kuusaan keemikaalaa LG qabeenya Kooriyaa Hinditti argamu kun dhangalaasuu kan jalqabe sababa Koronaatiin mana akka turamu labsii hindi baafterraa kan ka’e ogeessa to’atu dhabuun akka ta’e himameera.

Namoota keemikaala Kanaan du’an alattis daa’immanii fi dubartoonni of wallaalanii daandiirratti kufuu isaanii televijiniin Hindi gabaaseera.

Gama biraatiin qindeessaan Hoospitaala naannawa kanaa Biikee Naayiik akka jedhanitti namoonni kuma tokkotti hiiqan of wallaalanii hoospitaala galuusaanii ibsaniiru.

Rakkoo afuura baafachuuf isaan mudate salphisuuf oksijiijii fi kanneen biro deeggarsa taasisuusaanii dubbataniiru.

Aarrii fi hurki kuusaa keemikaalaa kana keessaa ba’u ammallee akka hindhaabanne Ajaansi Firaansi Pirees gabaaseera.

Ministirri muummee Hindi Niyaadiraa Moodii “miidhamtoonni fayyaansaanii dafee akka deebi’u ni hojjenna kanneen du’aniifis nikadhanna” jechuun fuula tiwiiterii isaaniirratti ibsaniiru.

Kubbaaniyyaan LG kooriyaa kibbaatti argamu ibsa baaseen dhangala’aa kuusaa keemikaalaa keessaa ba’u to’achuusaanii yemmuu ibsan, rakkoo fayyaa keemikaalli kun geessise deebisuuf ni hojjenna jedhaniiru.

Magaalaa qarqara daangaa Hindi Visekahampiten keessa namoonni miiliyoona shan yemmuu jiraatan jiddugaleessa Industiroota hedduutis.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015