Ministeerri Fayyaa Naannolee Hundaaf Deeggarsa Hordoffii Fi Daawwii Akka Taasisu Beeksisee

66

Finfinnee Ebla 29/2012 (TOI) - Ministeerri Fayyaa naannoolee hundaaf deeggarsa hordoffii fi daawwii akka taasisuu beeksise.   

Deeggarsa hordoffii fi daawwii naannolee hundaaf taasifamu kun Caamsaa 3 bara 2012 irraa eegalee ni gaggeeffama jedhameera.  

Deeggarsii fi hordoffiin kun jalqabarratti vaayrasii koroonaan alatti hojii idileerratti ta’uu ministirichi beeksiseera.  

Yeroo ammaa kanaa hoospitaalaa hanga keellaa fayyaatti sababa vaayrasii koronaan hojiin yaala fayyaa idileelaachuurratti laafinni muul’achaa jira.

Haalli hojimata dhaabbiilee fayyaa maal irra jira kan jedhuu fi gurmaa’insi biiroo maal akka fakkaatu daawwaachuun deeggarsi akka taasifamu ministeerichi beeksiseera.

Da’eetaan ministiraa ministeera Fayyaa Doktar Darajjee Dhugumaa deeggarsa fi hordoffichi sabaaba weerara vaayrasii koronaan tajaajila yaala fayyaa idilee kennamurratti laafina jiru hir'isuu fi yoo danda’ames fooyya’insi taasifamuu akka qabuu ibsaniiru.   

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015