Faaxumaa saaddoo maaraatoonii dubartootaa idil addunyaa Osaakaa mo'atte - ENA Afaan Oromoo
Faaxumaa saaddoo maaraatoonii dubartootaa idil addunyaa Osaakaa mo'atte
Finfinnee Amajjii 20/2011 Atileetiin Itoophiyaa Faaxumaa Saaddoo maaraatoonii dubartootaa idil addunyaa kaleessa Jaappaan Oosaakkaatti adeemsifame mo'atte.
Atileetiin kun sa'aatii 2, daqiiqaa 25, sakondii 39n galuudhaan sa'aatii ishee fooyya'aa kan lammaffaa galmeessifteetti.
Faaxumaan akka lakkoofsa warra Awurooppaatti bara 2015 maaraatoonii Kaanaadaa Tooroontootti sa'aatii fooyya'aa dhuunfaa ishee sa'aatii 2, daqiiqaa 24, sakondii 16 galmeessifteetti.
" Keessa kootti gammadeera. Haa ta'u malee sa'aatiin ani galmeessise dorgommii olompiikii Tookiyootti adeemsifamuuf garee olompiikii Itoophiyaatti makamuuf ga'aa miti" jechuudhaan dorgommiin booda yaada kenniteen ibsiteetti.
Umriin ishee waggaa 27 kan ta'e atileet Faaxumaa Saaddoo, fiigicha daandiirraa kan jalqabde waggaa 18tti yoo ta'u, fiigicha daandiirraa kiiloo meetira 10 fi 15n , maaraatoonii walakkaa fi dorgommii maaraatooniitiin dorgomaa jirti.
Dorgommii kaleessaatiin Atileetiin Jaappaan Reeyi Ohaaraa sa'aatii 2, daqiiqaa 25, sakondii 46, atileetiin Keeniyaa Bornes Jeokiruuyi sa'aatii 2, daqiiqaa 26, sakondii 1n galuudhaan lammaffaa fi sadaffaa ba'uun xumuraniiru.
Maaraatooniin dubartootaa idil addunyaa Oosaakaa si'a 37f kan adeemsifame yoo ta'u, waldaa federeeshinoota atileetiksii idil addunyaatiin sadarkaa warqee qaba.
Gama biraatiin dheengadda Ameerikaa Boostanitti dorgommii atileetiksii mana keessaatiin Hagos G/Hiywootii fi Yoomiif Qajeelchaa mo'ataniiru.
Atileet Yoomiif Qajeelchaa dorgommii maayilii tokkootiin daqiiqaa 3, sakondii 51, maayikiroo 70n mo'ateera.
dorgommii dhiirotaa meetira 3000natileet Hagos G/Hiywoot daqiiqaa 7, sakondii 37, maayikiroo sakandii 41n galuudhaan mo'ateera.
Dorgommii dubartootaa meetira 1500n atileetiin Itoophiyaa Daawit Siyyum lammaffaa baateetti.