Namoonni 6 Vaayirasii Koronaarraa Yoo Bayyanata 2 Ammoo Qabaman

82

Finfinnee Ebla 25/2012 (TOI) – Namoonni 6 vaayirasii koronaarraa yoo bayyanatan 2 ammoo qabamuusaanii ministeerri fayyaa beeksise.

Sa’aatii 24 darbe qorannoo laaboraatoorii namoota1560f taasifameen namoota lamarratti vaayirasiin koronaa argameera.

Haala Kanaan namoonni vaayirasii koronaan qabaman walumaa gala 135 akka ta’an ministirri fayyaa Dr. Liyaa Taaddasaa beeksisaniiru.

Namoonni 6 dabalataan vaayirasicharraa kan bayyanatan yoo ta’u, walumaa gala namoonni 75 bayyanataniiru.

Namoonni vaayirasiin kun irratti argame lamaanuu lammii Itiyoophiyaa yemmuu ta’a, lamaanuu seenaa imala biyya alaa hin qaban.

Namni vaayirasiin kun irratti argame inni tokko naannoo Oromiyaa magaalaa Baatuu kan jiraatu nama umriin isaa 49 yaala taasisaa akka ture ibsameera.

Naannoo Kibbaa aanaa Silxee sakatta’iinsa mana manaatiin kan argaman umriinsaanii 45 akka ta’e ministeerri fayyaa beeksiseera.

Amma ammaatti Itiyoophiyaatti namoota kuma 22 fi 330f qorannoon laaboraatoorii taasifameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015