Sirni gabaa bilisaa sirriitti hojiirra ooluu dhabuusaatiin daldalli seeraan alaa akka babal'atu karaa baneera-hayyoota

76

Finfinnee Amajjii 18/2011 Mootummaan osoo jidduu hin galiin walii galtee bittaa fi gurgurtaatiin kan raawwatamu sirni gabaa bilisaa sirriitti hojiirra ooluu dhabuusaatiin babal'achuu daldala seeraan alaatiif sababa akka ta'e hayyoonni dinagdee dubbatan.

Sirni gabaa bilisaa dhiheessii meeshaalee tilmaama keessa galchuudhaan tilmaamni gatii gabaarratti akka hundaa'u kan taasisudha.

Yunivarsiitii Finfinneetti barsiisaan sirna gabaa mana barumsaa daldalaa doktor Geetee Andualam tajaajila oduu Itoophiyaatiif akka himanitti, oomishni hawaasni daldalaa dhiheessu fedhiisaa wajjin walsimuusaa tilmaama keessa galchuun gatiin akkaataa dhiheessiitiin murtaa'a.

Kanneen meeshaalee hawaasaaf bu'ura ta'an dhiheessan bal'inaan akka hirmaatanii fi gatiinis madaalawaa akka ta'u sirnichi haala mijaa'aa akka uumu ibsaniiru.

Mootummaan osoo jidduu hin galiin biyyoonni gabaa bilisaa adeemsisan dinagdee fi haalli jireenya hawaasasaanii fooyya'aa akka ta'e dubbatanii, seerri daldalaa akka hin dhiitamne mootummaan hordoffii akka taasisu eeraniiru.

Itoophiyaatti sirni gabaa bilisaa hojiirra oolaa yoo jiraates, bal'inaan kan ta'aa jiru garuu sirna dhabdummaa fi daldala seeraan alaa akka ta'e ibsameera.

Kun ammoo  daldalli seeraan alaa akka babal'atuu fi oomishni gabaaf dhihaatu humna shamattootaa wajjin akka wal hinmadaalle gochuurra darbee daldaltoota seeraan alaatiif karaa kan banu waan ta'eef mootummaan jidduu galee karaa qabsiisuu akka qabu himaniiru.

Itoophiyaa guddachaa jirtu keessatti sirna gabaa bilisaa sirriitti hojiirra oolchuun yoo danda'ame dinagdeen akka tasgabbaa'uu fi haal jireenyaa hawaasaa tilmaama keessa kan galche akka ta'u kan deeggaru ta'u hubachiisaniiru.

Dhiheessitoonni daldala keessatti dorgommii akka qabaatanii fi hawaasni gatii fooyyee qabu filatee akka bitatu, sirni daldala qusannoorratti hundaa'e akka uumamuu fi itti fayyadamni qabeenyaa haqa qabeessi akka jiraatu ni dandeessisa jechuun dabaluun ibsaniiru.

Yunivarsiitii Siviil Sarviisiitti ogeessi dinagdee obbo Naziid Naasir gamasaaniitiin sirna gabaa bilisaa keessatti mootummaan gatii sirreessuu ykn gatii murteessuu akka hin dandeenuye mootummaa yoo jidduu seene invastimentiin akka qabbanaa'u, gabaan seeraa alaa akka babal'atu, akkasumas rakkooleen biroo akka mul'atan dubbatamiiru.

Haa ta'u malee haala bittaa fi gurgurtaa keessatti waanti hawaasa miidhu yoo uumame jidduu galee dhaabsisuuf mirga akka qabuu fi oomishtoonnii fi dhiheessitoonni gara damee kanaatti akka seenan  jajjabeessuu fi haala nijataa uumuu akka irraa eegamu ibsaniiru.

Kana malees sirna to'annaa daldala seeraan alaa amma hojiirra jiru sakatta'uu akka qabus dubbataniiru.

"Daldaltoonni seeraan alaa hanqina oomishaa namtolchee akka hin uumne tarkaanfii dinagdee cimaa ta'e fudhachuun mootummaarraa eegama" jedhaniiru.

Abbaa taayitaa dorgommii daldalaafi eegaan shammaatotaatti daarektarri barumsaa,leenjii fi deeggarsa shamattootaa obbo Andu'alam Bayyanaa akka ibsanitti, gocha seeraan alaa sirna gabaa bilisaarratti raawwatamu shamattoonnii fi hawaasni daldalaa sirnicha akka hubatan, humni isaa akka cimuu fi sarbamuu mirgaa akka ittisu gachuu barbaachisa.

Amma hojiirra kan jiru labsiin lakkoofsa dorgommii daldalaafi eegaan shammaatotaa 813/2006 gochaawwan seeraan alaa sirna gabaa bilisaarratti mudatan ittisuuf kan dandeessisu ta'us, raawwannaa waliin wal qabatee hanqina qabuun bu'aa barbaachisu fiduu akka hin dandeenye hayyoonni ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015