Guyyoota Kudhan Dhufan Kutaaleen Biyyattii Arfaasaa Facaasan Rooba Ni Argatu

60

Finfinnee Ebla 16/2012(TOI) – Guyyoota kudhan dhufan kutaaleen biyyattii Arfaanaa facaasan bokkaa akka argatan ejensiin meetirooloojii biyyaalessaa beeksiseera.

Ejensichi raga qilleensaa guyyoota 10 dhufan ilaalchisee ibsa TOIf ergeen Yaa’awwan arfaasaan facaafaman irratti robni  itti fufa jedheera.

Kanaan wal qabatee Sulula, Oomoogibee, Awaash gubbaa fi jiddu galeessaa, Gannaalee Daawwaa, Waabiishabalee, Baarooakooboo gara gubbaa fi jiddugaleessaa, Ogaadeen, Abbaayi gara gubbaa fi giddugaleessaa iddoo muraasatti, giddu galeessa Takazee iddoo muraa fi akkasumas Affaar gara gubbaa yaa’a Danaakalitti ciidhina olaanaadhaa amma xiqqaatti ni argatu jedhameetu eegama.

Haalli kun qabeenya bishaaniif gumaacha akka qabaatu ejensichi hubachiiseera.

Yaa’awwan tokko tokko irratti roobni cimaan akka jiraatu kaan eere ejensichi, “Sululoota hedduu, Oomoogibee, Awaash gara gubbaa fi giddugaleessaa, Gannaaleedaawwaa, Waabiishabalee, Baarooakooboo gara gubbaa fi giddugaleessaa, Ogaadeen irratti osoo hin eegiin lolaan uumamuu waan danda’uuf ofeeggannoon akka taasifamu taasifanu hubachiiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015