Hinditti Waggaa 20 Asitti Faalamni Qilleensaa Inni Xiqqaan Galmaa’e

63

Ebla 15/2012 (TOI) – Hinditti waggaa 20 asitti faalamni qilleensaa xiqqaan galmaa’uunsaa ibsame.

Kutaa Hindi gama bahaa keessumaa magaalaa muummee Niwdeelhiitti wayita bonaa haalli qilleensaa rakkisaa waan ta’eef jireenyaaf hinmijatu.

Wayita ammaa koronaan sochii daangessuusaatiin biyyattiitti waggaa 20 asitti faalamni qilleensaa baay’ee xiqqaa ta’e akka galmaa’u sababa ta’uusaa ‘CNN’ Naasaa eeruudhaan gabaaseera.

Akka gabaasa Naasaatti ALAtti bara 2016 amma 2020tti dhuma baatii Bitootessaati amma Ebla 5tti eddattoo guyyoota jahaa fudhateen faalamni qilleensaa hir’achuusaa qorannoodhaan mirkanaa’eera.

Akka gabaasa kanaatti ammi  hurka qilleensa faalu baatii Eblaa gadi bu’uunsaa eerameera.

Qoranichi kan adeemsifame waggaa jedhame keessa amma hurka qilleensa faalu galmeessuun yoo ta’u, sababa koronaatiin sochiin yemmuu ittifamu jijjiiramni haala qilleensaa akka mudatu beeknee turre jechuun qorataan Naasaa Powan Gubtaa dubbataniiru.

Baatii Bitootessaa darbe Hindi baatii shaniif kan turu sochii daangessuunshee ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015