Sa’aatii 24 Keessatti Qorannoo Taasifameen Namni Koronaa Vaayirasiin Qabame Hin Jiru - ENA Afaan Oromoo
Sa’aatii 24 Keessatti Qorannoo Taasifameen Namni Koronaa Vaayirasiin Qabame Hin Jiru
Finfinnee Ebla 15/2012 (TOI) – Sa’aatii 24 darbe namoonni 965 qoratamanii namni vaayirasii koronaan qabame akka hin jirre ministeerri fayyaa beeksise.
Namoota qorannoo guyyaa har’aa taasifameef 965 keessaa namni vaayirasii koronaan qabame akka hin jiru jechuun tamsa’inni vaayirasii koronaa Itiyoophiyaa keessatti hir’achuu kan agarsiisu osoo hin ta’iin inumaayyuu kanneen eddattoon fudhatameef vaayirasichaan akka hin qabamne kan ibsu ta’uu hubachuun hawaasni ummanni akkuma Kanaan duraa ofeeggannoo akka taasisu ministeerri fayyaa hubachiiseera.
Amma ammaatti namoonni 21 vaayirasicharraa bayyanatan beekameera.
Itiyoophiyaatti vaayirasii koronaan akka qabaman kan mirkanaa’e keessaa namoonni 90 adda baafamanii hordoffiin taasifamaafii jira.
Namni dhukkuba cimaan adda ba’ee hordofamaa jiru akka hin jirre Dr.Liyaa Taaddasaa kaleessa beeksisuunsaanii ni yaadatama.
Itiyoophiyaatti lakkoofsi namoota vaairasiin koronaa irratti argame walumaa gala 116 ta’uun beekameera.