Magaalaa Adaamaatti Tatamsa’ina Vaayirasii Koronaa Ittisuuf Hojjetamaa Jira

84

Adaamaa Ebla 09/2012(TOI) Tatamsa’ina Vaayirasii Koronaa ittisuuf hojjechaa akka jiru taski foorsiin dhukkuba kana ittisuuf magaalichatti hundaa’e beeksise.

Walitti qabaan taaski foorsii fi Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Adaamaa obbo Assagid Geetaachoo Tajaajila oduu Itiyoophiyaaf akka ibsanitti tatamsa’ina dhukkuba kanaa ittisuuf ogeeyyiin fayyaa daandiirra deemuu dabalatee bakka hundatti hubannoo uumaa jiru.

Kana cinaattis mana manarra deemuun hoo’ina qaamaa ilaaluun kan jalqabamee fi hawaasa hundaan ga’uuf yaaliin akka taasifamu beeksisaniiru.

Hojiin kun akka galma ga’u hoggantoonni sadarkaan jiran gandoota magaalichaa 18 fi kutaalee magaalaa hundaatti deeggarsa gochaa akka jiran dubbataniiru.

Magaalichatti bakki turtii fi bakki yaaliin itti taasifamu qophaa’uusaa obbo Assagid ibsanii amma ammaatti meeshaalee addaddaa fi maallaqaan birriin  miiliyoona 26 abbootii qabeenyaarraa deeggarsi taasifamuusaa beeksisaniiru.

“Magaalaa Adaamaatti namoota mallattoo dhukkubichaa agarsiisan adda baasuun hordofaa jirra” kan jedhan ammo barreessaa taaski foorsii fi itti gaafatamtuu qajeelcha fayyaa bulchiinsa magaalaa Adaamaa siistar Samiiraa Mahaammadi.

Ogeeyyiin fayya dhaabbilee fayyaa mootummaa fi dhuunfaa waliin ta’uun hubannoo kennaa akka jiran hubachiisaniiru.

Hawaasni ergaa mootummaa, ogeeyyii fayyaa, haadholii Siinqee, abbootii Gadaa fi abbootii amantaarraa darban hojiirra oolchuun yaalii taasifamu deeggaruu akka qabu siister Samiiraan ergaa dabarsaniiru.

Itti gaafatamaan waajjira dame fannoo diimaa bulchiinsa Adaamaa fi godina Shawaa bahaa obbo Busarii Bunaa gamasaaniitiin “weerara Koronaa ittisuuf ogeeyyii fayyaa waliin waliin qindoofnee hubannoo kennaa jirra” jedhaniiru.

Waajjirichi koronaa ittisuuf hojii hojjetamaa jiru akka deeggaraniif ambulaansii qaban bobbaasuusaanii himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015