Daldaltootni gatii seeraan ala dabalan 200 adabaman

88

Bitootessa 9/2012 /TOI/ Daldaltoota gatii seeraan ala dabalan 200 ta'an adabuu isaa Biiroon Daldala Oromiyaa beeksise. 

Hogganaan Biiroo Daldala Oromiyaa obbo Dheengee Booruu ibsa miidiyaaf kennen sababa weerara dhukkuba koronaan daldaltootni gatii idileen alaa meeshaaleef tajaajila adda addaa irratti gatii dabalaa jiraachuu ibseera.  

Daldaltootnni kunnis karaa qaxxaamuraan duroomuuf yaaddoo dhukkuba koronaa irratti yaaddoo gatii dabalaa uumuun uummata saamaa kanneen jiran 200 ta'an manneen hojii isaanii samsuu beeksise.  

Daldaltoonni kunnenis heeddumminaan magaalaa Adaamaa fi Shaashamannee ta'uus ibsanii jiru.

Faallaa kanaan ammoo daldaltootnni hojii tola ooltummaa fi deggersa barbaachisu kan taasisanis kan jiran ta’uu ibsaniiru.   

Hawaasnni rakkoo kanaaf akka hin saaxilamneef Mootummaan koree miseensa 11 of keessatti qabate hundeessuun naannicha keessatti hordoffiif deggersa akkasumas dhiyeessii irratti biirolee biroo waliin ta'uun hojjetaa jiraachuu ibsanii jiru.  

Hawaasni burjaajii keessa seenuun karooraan ala waan qabu gurguruu akkasumas bifa liqaan meeshaaleef tajaajila garaagaraa bituu akka hin qabne obbo Dheengeen dhaamanni jiru. 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015