Keeniyaatti namni Koronaavaayirasiin qabame jalqabaa argame

167

Bitootessa 4/2012(TOI) Mootummaan Keeniyaa  biyayattiitti dhukkubni koronavaayirasii jalqabaa argamuu beeksise.

Ministirri Fayyaa biyyattii Mutaahi Kaagiwe ibsa amma kennaa jiraniin akka beeksisanitti dubartiin tokko vaayirasichaan qabamtee jirti.  

Lammii Keeniyaa kan taate dubartiin kuni Yunaayitid Isteet irraa karaa Landan gara Keeniyaa kan imalteedha jedhameera.

Dhukkubsattuun kuni Keeniyaa kan seente torban dura ALA Bitootessa  05/ 2020 yoo ta'u, kan irrati argame garuu kaleessa galgala  akka ta’e ibsamee jira.

Qorannoon kuni laabiraatorii biyyaalessaa Infiluweenzaa Keeniyaan mirkanaa'eras jedhame.

Mootummaan Keeniyaa imala Chaayinaa fi Xaaliyaanii irraa erga dhorke bubbuleera jechuun kan gabaase BBC dha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015