Manni Marichaa Muudama Ministirootaa Raggaasise

113

Finfinnee, Bitootessa 3/2012(TOI) Manni maree bakka bu’oota uummataa walga’ii idilee har’a gaggeesseen muudama  ministiroota garaagaraa raggaasiseera.

Manni marichaa bara hojii waggaa 5ffaa wal’ga’ii idilee 14ffaa har’a gaggeesseera.

Walga’ii kanaan muummichi ministiraa Dooktar Abiyyi Ahmad muudama ministiroota garaagaraa mana marichaaf dhiyeessan irratti mari’achuun raggaasiseera.

Haala kanaan,

1. Aadde Adaaneche Abeebee … abbaa alangaa waliigalaa federaalaa

2.Doktar Liyaa Taaddasaa … ministira Fayyaa

3.Obbo Laaqawu Ayyaaloo … ministira Galiiwwanii

4. Aadde Fiilsan Abdullaahii … ministira Dubartoota, Daa’immanii fi Dargaggootaa

Dabalataan Obbo Tseggaa Arraagee  komishinii  komishinara amala gaarii fi farra malaammaltummaa federaalaa  ta’uun muudamaniiru.

Manni marichaa muudama miseensota boordii dhaabbata Pireesii Itiyoophiyaa kan raggaasise yoo ta’u,

  1. Obbo Awwaluu Abdii—walittiqabaa boordichaa
  2. Aadde Abbabbach Shikitaa— miseensa
  3. Doktar Aggaaradach Jamaaneh--miseensa
  4. Doktar Wadaajneh Mahaarenne-- miseensa
  5. Obbo Ubaang Meetoo---miseensa
  6.  Daaqon Daani’eel Kibirat---miseensa
  7. Obbo Maaniyaazawaal Indaashaw -- miseensa
  8. Doktar Kontee Muusaa—--miseensa
  9. Obbo Geetinnat Taaddasaa ---Barreessaa ta’uun kan muudaman yoo ta’u, manni marichaa muudama kana sagaalee caalmaan raggaasiseera.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015