Manni mare bakka bu'oota ummataa murteewwan addaddaa dabarse

158

Bitootessa 1/2012 /TOI/ Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRI walga’ii idilee 13ffaa bara hojii 5ffaasaa har'a gaggeesse.   

Walga’ichaanis murteewwan addaddaa dabarseera.   

Haaluma kanaan baajata dabalataa federaalaa 2012 fi wixinee labsii fooyyessa uwwisa baasii qorachuudhan koree dhaabbii dhimmi ilaaluf dabarseera.  

Liqaa mootummaan FDRI fi Saawdii Arabiyaa dhiyeessii bishaan dhugaatii biyyoolessaa fi saaniteeshiniirratti waliigaltee waliif mallatteessan qorachuudhan koree dhaabbidhaaf dabarseera.   

Waliigaltee mootummaa FDRI fi Baankii Ekispoort-Iimpoort Kooriyaa, Fandii Misoomaa Saawdiirrattis mari’achuudhan koree dhaabbii dhimmi ilaaluf dabarseera.  

Wixinee labsii alaabaa, faaruu fi guyyaa Gamtaa Afrikaa, irra deddeebii oodiitii keessoo hambisuu fi dhimmoota biroorrattis mari’achuudhan koree dhaabbidhaaf dabarseera.  

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015