Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa boru walga'ii idilee 13ffaa bara hojii 5ffaasaa ni gaggeessa

109

Finfinnee, Gurraandhala 30/2012 (TOI) Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa boru walga'ii idilee 13ffaa bara hojii 5ffaasaa ni gaggeessa.

Walga'ichaanis murteewwan addaddaa ni dabarsa jedhamee eegama.

Baajata dabalataa federaalaa 2012 fi wixinee labsii fooyyessa uwwisa baasii qorachuudhan koree dhaabbii dhimmi ilaaluf ni dabarsa jedhameeti eegama.

Liqaa mootummaan Itoophiyaa fi Saawudii Arabiyaa dhiyeessii bishaan dhugaatii biyyoolessaa fi saaniteeshiniirratti waliigaltee waliif mallatteessan qorachuudhan koree dhaabbidhaaf ni dabarsa.

Waliigaltee mootummaa Itoophiyaa fi Baankii Ekispoortii - Impoort Kooriyaa, Fandii Misoomaa Saawdiirrattis mari'achuudhan koree dhaabbii dhimmi ilaaluf ni dabarsa.

Wixinee labsii alaabaa, faaruu fi guyyaa Gamtaa Afrikaarratti, irra deddeebii oodiitii keessoo hambisuu fi dhimmoota biroorratti mari'achuudhan koree dhaabbidhaaf akka dabarsus ni eegama..

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015