Mootummaan Itiyoophiyaa Liigiin Arabaa Yaada Murtii Hidha Haaromsaarratti Dhiyeesse Kuffise

73

Finfinnee, Guraandhala 27/2012(TOI) Ministeerri dhimma alaa ibsakenneen liigiin Arabaa kaawunsilii raawwachiiftuu seeraa hidha haaromsaa ilaalchisee murtiin kaleessa irra ga’e kan gaddisiisu ta’ee waan argameef Itiyoophyaan murtii kana gonkumaa kan hin fudhanne ta’uu ibseera.

Mootummaan Suudaan yaada murtii liigiin Arabaa dhiyeesse akka hin deeggarreef ejjennoon fudhate Itiyoophiyaan kan dinqisiifattu ta’uushee ibsichaan eerameera.

Sudaan shiraa fi ejjennoo liigii Arabaa deeggaruu dhiisuun sababummaanii fi sagalee haqaa ta’uushee irra deebiin mirkaneessuushee eeruun Itiyoophiyaan qajeelfamarratti kan hundaa’ee fi moo’icha lammiilee hundaarratti bu’uureffate ejjennoo Suudaan guddaa akka dinqisiifattu ibsiteetti.

Itiyoophiyaan uummattootaa fi mootota biyyoota liigii Arabaa waliin aadaa fi duudhaa irratti kan hundaa’e hariiroo yeroo dheeraa akka qabdu himameera.

Liigiin kun dhaabbata biyyoota garaagaraa kan hammate akkuma ta’e  fedhii saba hundaa kan ofkeessatti qabaatee fi daandii madaalawaan qabachuun akka irraa eegamu ibsameera.

Haala kanaan faallaa ta’een kan hojjetu yoo ta’e garuu, amanamummaan liigichaa fi addunyaa walhidhee jiraatu kana keessatti nageenya, tasgabbii fi gargaarsa fiduuf dandeettii inni qabu gaaffi keessa kan galus jedhameera.

Yeroo garaagaraa akkuma ibsaa turte Itiyoophiyaan ammas ta’u ``fedhii dhaloota ammaa fi dhufu guutuuf qabeenyaa bishaan abbayyaa mirga fayyadamuu qaba`` kan jedhu ejjennoo gadi fagoo fi hin warraqne ta’uu irradeebiin ibsiteetti.

Lagni Abbayyaa daangaa kan darbu akkuma ta’e Itiyoophiyaan kanneen biroorratti dhiibbaa osoo hin geessisin bishaanicha karaa haqaa fi sababummaan qajeelfama fayyadamuu hordofuun akka hojjetu ibsameera.

Itiyoophiyaan haala bishaan guutuu hidhaa guddicha haaromsaa fi hojiirratti waliigaltee furmaata qajeelfamaa hordoftee akka hojjettu mirkaneessuun ishee ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015