Nootonni Baankii Vaayirasii koronaa daddabarsuu danda’u jedhame

124

Guraandhala 27/2012 (TOI)  Nootonni Baankii Birrii xuraawan vaayirasii korona daddabarsuu akka danda’an dhaabbanni fayyaa addunyaa akeekkachiiseera.

Dhaabbatichi  ibsa kenneen tatamsa’ina vaayirasichaa ittisuuf itti fayyadaminsa nootota Birrii xuraawan irratti of eegggannoo taasisuun akka barbaachisu kan akeekkachiise yoo ta’u, fayyadamtoonni erga Birrii harkaan xuqanii booda harka isaanii sirriitti dhiqachuu qabu jechuun hubachiise.

Nootonni Birrii vaayirasicha akka dabarsan hanga ammaatti ragaan saayinsaawaa ta’e kennamuu baatus dhaabbanni fayyaa addunyaa garuu Birrii xuraawaa tuttuquu irraa of eeggachuu qabu jechuun akeekkachiisan.

Baankiin Ingilizii gama isaan nootonni Birrii baakteeriyaa fi vaayirasii daddabarsuu danda’u kan jedhuun miiltowwan isaanii erga baankii isaaniitti tajaajilamanii booda harka isaanii akka dhiqatan gorseera. Haaluma walfakkaatuun Chaayinaa fi Kooriyaan kibbaa tatamsaa’ina vaayirasichaa to’achuuf ji'a darbee eegalee nootota baankii fayyadamuu irra bittaa fi gurgurtaa tekinooloojii bu’ureeffate raawwachuuf tarkaanfii fudhataniiru

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015