Ijaarsa mana barumsaaf deeggarsi Birrii miiliyoona 30 kenname

60

Finfinnee, Gurraandhala 25/2012 (TOI)  Mootummaan Jaappaan Wallaggaa Bahaa aanaa Saasiggaatti mana barumsaa ijaaruuf  Birrii miiliyoona 30 deeggarsa taasise.

Proojakticha abbumaan kan hoggaanu Biiroo tajaajila proojaktii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNOPS)ti jedhame.  

Itiyoophiyaatti Ambaasaadarri Jaappaan Maatisuunaangaa Daayisuukii Jappaan hariiroo Itiyoophiyaa waliin qabdu kan yeroo kamiiyyuu calaa cimsaa dhufuu himaniiru.

Proojaktichi hawaasa Wallaggaa Bahaa aanaa Saasiggaatti argaman fayyadamoo taasisuu fi manneen barnoota sababoota garaagaraan miidhaan irra ga’e akka haaraatti ni ijaarra jedhaniiru.

Yeroo ammaas baasii Birrii miiliyoonaa 30 mana barumsaa barattoota 400 keessummeessuu danda’u fi kutaa barsiisotaa 8 qabu waggaa tokko keessatti xummurruuf xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jirus himame.

Dursaan garee adeemsa baruu fi barsiisuu Biiroo Barnoota Oromiyaa obbo Rattaa Nagawoo gama isaaniin, walitti bu’iinsa garaagaraan manneen barnootaa miidhaan irra ga’e keessaa inni tokko mana barumsaa sadarkaa 1ffaa Leelisuu Waataatii jedhan. 

Manni barumsaa kun yeroo ijaarsisaa xumurame jiraattoota naannichaa fayyadamoo ni taasisaas jedhaniiru.

Tajaajilli Proojaktii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii hojii ijaarsichaa dizaayinii isaarraa eegalee hanga xumuraatti kan raawwatu ta’uus  himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015