Shaampiyoonaan ispoortii godinaalee Oromiyaa garaagaraatti gaggeeffamaa jira

53

Finfinnee Gurraandhala 24/2012 (TOI) Shaampiyoonaan ispoortii godinaalee Oromiyaa garaagaraatti gaggeeffamaa jira.

Shaampiyoonaan tapha ispoortii guutuu godina Arsii Lixaa 13ffaan magaalaa Nagelleetti gaggeeffamaa jira.

Shaapiyoonaan kun aanaalee godinichaa adda addaa hirmaachisaa kan jiru yoo ta’u, oolmaa isaa guyyaa 3ffaa har’a itti fufeera.

Waldorgommiin shaanpiyoonaa ispoortii tapha guutuu 26ffaa aanaalee godina Shawaa Lixaa hirmaachise magaalaa Ambootti gaggeeffamaa jira.

Waldorgommiin kun mata duree ‘Ispoortiin nageenya, jalaalaa fi guddinaaf’ jedhuun gaggeeffamaa jira jedhame.

Shaampiyoonaan tapha ispoortii guutuu godina
Shawaa Kabaa 26ffaanis magaalaa Garba Gurraachaatti gaggeeffamaa jira.

Kaayyoon shaampiyoonaa kanaa ispoorteessitoota ciccimoo godinichaa fi Oromiyaa bakka bu’aan horachuu fi hariiroo hawaasaa cimsuuf akka ta’e ibsameera.

Shaampiyoonaan tapha ispoortii guutuu godina Buunnoo Beddellee marsaa 4ffaanis adeemsifaamaa jira.

Shaampiyoonichi aanaalee godinichaa 9 fi bulchiinsa magaalaa tokko hirmaachisaa jira.

Shaampiyoonaa kanarratti ispoorteessitoonni 500 ol hirmaachaa jiraachuun ibsameera.

Akka waajjiraaleen dhimmoota koominiikeeshinii mootummaa godinaalee kanneenii ibsanitti, shaampiyoonaan tapha guutuu godinaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti gaggeeffamaa jiru kun guyyoota 10f tura.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015