Caffeen Wixinee Labsii Bulchiinsa Hojiiwwan Misooma Albuudaa Naannoo Oromiyaa Murteessuuf bahe raggaasise

453

Finfinnee,Gurraandhala 11/2012/TOI/ Caffeen Oromiyaa, Wixinee Labsii Bulchiinsa Hojiiwwan Misooma Albuudaa Naannoo Oromiyaa Murteessuuf irra deebin bahe raggaasiseera.

Caffeetti Dura Taa’aa Koree Dhaabbii Dhimma Bu’uuraalee Misoomaa Obbo Ahimad Mahaammad, D/T/Koree Dh/Dhimma Bulchiinsaafi Seeraa Obbo Isaa Boruu fi qaamni wixinee kana qopheessee Caffeef dhiyeessanii jiru.

Barbaachisummaan wixinichaa albuudni naannicha keessatti argamu qabeenya uumamaa uummataa fi mootummaa naannichaa waan ta’eef eegumsaafi kunuunsa gahaa taasisuun faayidaa ummataatiif oolchuudhaaf akka ta’e ibisame.  

Kanaaf albuubdni lafarraafi lafa keessatti argamu qabeenya uumamaa dhumataa deebi’ee bakka buufamuu hin dandeenye waan ta’eef faayidaa ummataa, diinagdee naannichaafi biyyaatiif karaa itti fufiinsa qabuun hojiirra oolchuuf, sirna hojii oomishaa fi geejjiba albuudaa seera qabeessa ta’eefi daldala seeraan alaa to’achuun bu’a qabeessummaa naannichaa dabaluuf sirna bulchiinsa hojiiwwan albuudaa seeraan deeggaruun barbaachisaa waan ta’eef wixineenichi qopaa’uutu ibisame.


Caffeen wixinee Labsii dhiyaate kana irratti bal’inaan erga mari’atee booda sagalee caalmaan raggaasisuu isaa ragaan biiroo koomunikeeshinii oromiyaa irraa arganne ni muli'isa

Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Addee Loomii  Badhoos wixineen ragga’e kun Labsii Bulchiinsa Hojiiwwan Misooma Albuudaa Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Bahe Lakkoofsa 91/1997 Irra Deebiidhaan Fooyyessuuf Bahe Lak. 223/2012 ta’ee kan hojiirra oolu ta’uu beeksisanii jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015