Godina Gujiitti hojiin Kunuunsa Qabeenya Uumamaa fi Misooma Sululaa cimee itti fuufeera

66

Gurraandhala 6/2012 /TOI/ Godina Gujiitti hojiin Kunuunsa Qabeenya Uumamaa fi Misooma Sululaa hirmaannaa qonnaan bultootaa fi horsiisee bultootaatiin cimee itti fuufuu isaa ibisame.

Godinichatti bara kana Amajjii 1 irraa eegalee hirmaannaa qonnaan bultootaa fi Horsiisee bultootaan hojiin kunuunsa qabeenya uumamaa fi misooma sululaa hojjatamaa jira.

Hojii kanaan daagaawwan adda addaa,lafti qonnaa kanaan dura sababa lolaan miidhaman akka deebi’ani misoomaniif akkasumas istiraakcheroonni adda addaa bishaan qusatan hedduun hojjatamuu Itti Gaafatamaan itti aanaa Waajjira Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Godina Gujii Obbo Nugusee Bokkoo Dubbataniiru.

Qonnaan bultoonni fi horsiisee bultoonni godina Gujii hojii kunuunsa qabeenya uumamaa fi misooma sululaa kana irratti hirmaachaa jiranis hojii kanaan daagawwan adda addaa hojjachuun,lafti kanaan dura lolaan miidhamee fi bosonni irraa cirame deebi’ee misoomuun akka irraa fayyadamaniif gamtaan bahanii yeroo ammaa kana hojjachaa jiraachuu isaanii dubbataniiru.

 Karoora gama kanaan jiru milkeessuuf ni hojjanna; hojii yeroo bonaa hojjanne kana irraatti ammoo waqtii gannaa biqiltuu adda addaa dhaabuuf qophii ta’uu isaaniis eeraniiru.

Godina Gujiitti hojiin kunuunsa qabeenya Uumamaa fi misooma sululaa bara kanaa karaa guutuun ta’een akka milkaa’uuf qaama dhimmi ilaallatu waliin hojjatamaa jiraachuu Obbo Nuguseen himanii jiru.

Godina kanatti qonnaan bultoonni fi horsiisee bultoonni kumni 100 fi kumni 80 hojii kana irratti hirmaachuun hojjachaa jiraachuu isaanii ragaan arganne ni muldhisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015