Hojiin babal’ina bu’uuraalee misoomaa magaaloota 117 keessaatti hojiirra oolaa jira

84

Finfinnee, Amajjii 27/2012 (TOI) Hojiin babal’ina bu’uuraalee misooma magaaloota 117 keessaatti hojirraa oolaa jirachuu isaa Ministeerri Misooma Magaalaa fi Konistiraakshiini beeksiseera.

Hojiin babal’ina bu’uraalee misoomaa kun doolaara Ameerikaa miliyoona 859n gaggeeffamaa jira

Minsteerichi sagantaa babal’ina bu’uraalee misooma magaaloota gara boqonnaa sadaffaatti ce’aa jiru ilaalchisuun ibsa laateera.

Sagantichi yeroo jalqabaaf bara 2001 magaaloota 19 irratti hojiirra kan oolee yoo ta’u, marsaa lamaffaarratti ammoo bajataa isaa guddisuun magaaloota 44 irratti hojirra olee jira.

Itti gaafatamaan Fooyya’iinsa galii, Moobilaayzeeshinii fandii fi faayinaansii Ministeera Misooma Magaalaa fi Konistiraakshiinii obbo Amlaakuu Addaamuun, sagantaan babal’ina bu’uraalee misoomaa marsaa 3ffaan bara 2011 eegalee baajata Doolaara Ameerikaa miliiyoona 859n hojiirraa oolaa jira jedhan.

Sagantichi magaaloota keessatti carraan hojii akka uumamu, bu’uuraaleen misoomaa garagaraa fi hojimaanni akka diriirfamu,akkasumas dandeettii raawwii magaalootaa guddisuuf shoora olaanaa ba’aa jira jedhaniiru.

Magaaloota Sagantichi hojirra oole keessatti dargaggoota kuma dhibba saddeetif  carraan hojii uummamuu ragaan ministeerichaa argame ni mul’isa .

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015