Atileet Abbaadii Haddiis boqate

80

Finfinnee, Amajjii 27/2012 (TOI)  Atileet Abbaadii Haddiis  du’aan addunyaa kanarraa boqate.

Atileet Abbaadii Haddiis Ityoophiyaan fiigicha gabaabaa fi dheeradhaan beekamtii akka argattu ga'eesaa ba'ateera.

Reefu umriin isaa waggaa 22kan ta’e  Abbaadiin rakkoo fayyaa isa muudatee tureen deeggarsa yaalaa argachaa turus, hari’a du’aan boqateera.

AtIleetichi Maqalee Hoospitaala Ayidaritti deeggarsa yaalaa argachaa tureera.

Sirni awwaalcha isaas booru magaalaa Maaycawitti gaggeeffama.

Abbaadiin dorgommiiwwan olompiikaa, shaampiyoonaa addunyaa, qaxxaamura biyyaa addunyaa, tapha guutuu Afrikaa, shaampiyoonaa atileetiksii Itiyoophiyaarratti hirmaachuun meedaaliyaa fi badhaasa argateera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015