Nageenya uummataa mirkaneessuuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa hojjetaa jira ... obbo Geetaachoo Baalchaa

136

Amajjii 26/2012 (TOI) Nageenya uummataa mirkaneessuuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa hojjetaa jiraachuu Hogganaan Biiroo Dhimmoota Koomunikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Geetaachoo Baalchaa ibsan.

Obbo Geetachoon ibsa guyyaa har’aa miidiyaaleef kennaniin hojiwwaaan gurguddoo ji'ottan ja'an darban keessatti hojjetameen gama Kilaastera Qonnaa, Dinagdee fi Hawaasummaatin qoratamaa turuun keessaatti Galii sassaabuu, bishaan dhugaatii lammii hundaan ga'uu, hojii dhabdoota hojiitti galchuuf dhaabbiifi idileen hojjatamaan akka ciminaattii kaa'aniru.

Dabalataanis gara Seektara qonnaan hojiin bal'aan hojjetamuu obbo Geetaachoon himuun, hojii baruu fi barsiisuu akka naannoo Oromiyaatti geggeefamaa tureen harcaatii haa qabaatu malee afaan Oromoo magaalaa Finfinnee fi Naannoo Beenishaangul Gumuzitti barsiifamaa turuun daa’imman afaan isaaniitiin akka baratannif hojiin gaariin hojjetamaa tureeras jedhan.

Fayyaa uummataa irratti sektarichi humna namaa guutachuu, dawaa yeroon bakka barbaachisu qaqqabsiisuun fayyaan lammii akka eegamuuf hojjetamaa kan ture ta’uus akka ciminaatti ka'eera.

Nageenya waaraa mirkaneessuuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa Abbooti Gadaa, Abbootii amantaa fi hayyoota Oromoo irratti hirmaachisuun hojjechaa turus hanga barbaadameen nageenya waaraa fiduu irratti kan hafu ta’uu ibsaniiru.

Haaluma kanaan fedhii fi ilaalcha jiru dhiphisuuf mootummaan carrawwaan hedduu kennuun araarri akka bu'uuf hojjeta tureeras jedhan.

Haa ta'u malee nagaa uummataa yeroodhaa gara yerootti boora'aa waan deemeef mootummaan nagaa uummataa mirkaneessuuf seera kabachiisuu dirqama qaba.

Kanaaf qaamni qawwee baatee bosona jiruu fi mootummaannis qawwee lafa kaa'uun garaagarummaa jiru akkaataa dhiphisuun danda'amu irratti qaamni lamaan mari'achuun barbaachisaa akka ta’es himame.

Rakkoo gama nageenyaatiin jiru furuuf ammoo Abbootiin Gadaa, Abbootiin amantaa fi hayyootni Oromoo giddu seentummaan araara buusun barbaachisaadha jechuun obbo Geetaachoon dhaamanii jiru.

Dhuma irrattiis gaafiiwwan uummataa kan Aadaa, Afaanii, lafaa fi rakkoo hoji dhabdummaa hiikuuf Paartiin Keenya akkaata heeraaf seera biyyattii kabajeen akka hiikamuf hojjetamaa jiruus himu ragaan Biiroo Dhimmoota Komunikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa  irraa argame ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015