Ameerikaan sodaa Koroonaa vaayiras babal'isaa jirti jechuun Chaayinaan komatte

156

Amajjii 26/2012 /TOI/ Sodaa Koroonaa vaayiras babal'isaa jirti jechuun Chaayinaan mootummaa Ameerikaa komatte.

Himatni kun kan dhagaahame yaaddoo fayyaa  hawaasaa biyyattiin jimaata darbe labsiteen lammiileen biyya ormaa torban lama keessatti  Chaayinaa daawwatan biyya ishee akka hin galle dhorkuu  hordofeeti.

Dubbii himaan Ministeera Haajaa Alaa Chaayinaa Huwaa Chuunyiing  gochi Ameerikaa bu'aan buusu ''sodaa uumuufi babali'suu qofaa'' jedhaniiru.

Ameerikaan duula vaayirasii kanarratti gaggeefamaa jiruun ''sodaa babal'isuun'' caalatti deeggarsa gochuutu irra tures jedhan.

Ameerikaan imaltoota Chaayinaarratti biyya jalqaba dhorkaa keessedha, hojjettootni Embasii ishee gariin biyyaa akka bahaniis yaada kan dhiyeessite ishee dha jedhaniiru.

Chaayinaa keessatti namootni kuma 17 ta'an Vaayirasii kanaan faalamuun  beekama.

'' Biyyoota guddatan akka Ameerikaatti kanneen dandeetti ittisa dhibeewwan saffisaan daddarbanii  kan qaban, murteewwan of eegganoo cimaa dabarsuun duursa fudhachuun faallaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa deeman '' jedhaniiru.  

Dhorkaa Ameerikaan keesse hordofees biyyoonni akka Awustiraaliyaa tarkaanfii wal fakkaatu fudhataniiru.

Namootni karaa seera qabeessa ta'een akka biyyatti ol hin seenne dhorkamuun namoonni kun dhoksaan galuun tamsa'ina vaayirasichaa itti hammeessuu waan maluuf tarkaanfiin akkasii sirrii akka hin taane dhaabbanni  Fayyaa Addunyaa ibsuu isaa BBC tu gabaase.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015