Pirezidaantiin Keeniyaa duraanii Daani'eel Mooyi boqotan

109

Amajjii 26/2012 /TOI/ Pirezidaantiin duraanii Keeniyaa Daani'eel Araap Mooyi umurii waggaa 95tti halkan edaa du'aan addunyaa kanarraa boqotan.

Pirezidaantiin biyyattii ammaa Uhuruu Keeniyaataa du'aan boqochuu obbo Daani'eel ibsaniiru.

Obbo Daani'ee Mooyi pirezidaantii Keeniyaa isaan lammaffaa turan.

Pirezidaantiin duraanii kun dhibee irra tureen bara 2019 ji'a Onkoloolessaa darbe Hoospitaala kan seenan ta'un ni yaadatama.

Erga hospitaala seenanii booda sirni hargansuu isaanii daran hubamee ture.

Onkoloolessa 28 bara 2019 Hoospitaala Naayiroobii seenanii, ergasii guyyaa itti aanu Onkoloolessa 29 kutaa maashina ittiin harganan of keessaa qabu keessa galfamanii akka turan himamaa ture.

Daani'eel Mooyi biyya Baha Afriikaa Keeniyaa waggoota 24'f bulchaniiru.

Erga Keeniyaan bara 1963 walabummaashee goonfattee pirezidaantii biyyattii lammaffaa ta'anii tajaajilaa turan.

Dhiittaa mirga namaa fi yakka malaammaltummaan kan komataman Obbo Daani'eel Mooyi lammiilee harka qalleeyyii biyyattii hedduu biratti jaalala guddaa qabu turan.

Namoonni hedduun aangoo of harka tursuu isaaniitiin kan qeeqan yoo ta'u kaan ammoo biyya waraana gidduu turte baraaree yoona ga'e jechuun jaju jajuu isaanii BBCtu gabaase.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015