Baankiin Daashan sagantaa carraa hojii uumuu naannoo Oromiyaa "Ethiopian Talent Power Series" jedhamu ifoomse

83

Amajjii 22/2012 ( TOI) Daashan sagantaa carraa hojii uumuu naannoo Oromiyaa "Ethiopian Talent Power Series" jedhamu hari'a Adaamaatti ifoomse.
-
Pirojektiin kun carraa hojii uumuu jajjabeessuun lammilee dandeettii hojii uumuu qabaniif deeggarsa faayinaansii taasisuu, carraa hoji dhabdummaa hir'isuun hiyyummaa xiqqeessuuf sochii akka biyyaatti taasifamu keessatti shora isaa ni bahas jedhame.

Baankichi kaka'umsa taasisaa jiru kanaan karoora raawwii fooyya'insa dinagdee biyyaa mootummaan carraawwan biyya keessa jiranitti fayyadamuun taasisaa jiru deggaruun gahee fi dirqama irraa eegamu bahachuuf akka ta'e Daayreektarri Gabaafi Maamilaa Baankii Daashan Obbo Aschaalaw Taamiruu ibsa miidiyaaleef kennamerratti himaniiru.

Akka Obbo Aschaalaw jedhanitti Pirojektiin carraa hojii uumuu kun piilaarota jaha Kan qabu yoo tahu, leenjii carraa hojii uumuu, ijaarsa dandeettii Intarpiraayizoota xixiqqaa fi giddu galeessaa, sagantaa deggarsa fayinaansii barnoota olaanoo, sagantaa qaqqabummaa faayinaansii, sagantaa kilabii bizinasii hundeessuu fi walitti hidhaminsa gabaafi deggarsa faayinaansii taasisuu of keessaa qaba.

Piroojektiin sagantaa carraa hojii uumuu kunis lammiiwwan dandeettii hojii uumuu qaban dameewwan baankichaatti galmaa'aniif Amajjii 25 hanga 29 bara 2012tti leenjii kennuun kan eebbisu ta'uus ibsameera.

Dabalataanis dorgommii dandeettii hojii uumuu qopheessuun warra yaada guddaafi mo'ataa ta'e dhiheessan badhaasuun kan jajjabeessuu ta'uus Obbo Aschaalaw himaniiru.

Sagantaan kun Adaamaa dabalatee magaalota biyyattii gurguddoo jaha Finfinnee, Dirree Daawaa, Hawaasaa, Maqaleefi Baahirdaaritti akka adeemsifamu ibisamee jira.

Saganticha milkeessuudhaafis baankichi qarshii mil. 100 ramaduu isaa ragaan waajira koomunikeeshinii oromiyaa irraa arganne ni ibisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015