Investaroonni Qooda Fudhattoota Wajjin Finfinnee Hoteela Ililliitti Mari’achaa Jiru

79

Amajjii 18/2012 /TOI/ Invastaroonni qooda fudhattoota wajjiin Finfinnee Hoteela Ililliitti mari’achaa jiru.

Marii kanarratti waraqaan marii haala sochii dinagdee biyya agarsiisu dhiyaateera.

Haaluma kanaa biyyi keenya baroottan darban keessaatti sochii dinagdee fooyya'iinsa qabu agarsiisaa kan jirtu yoo ta'eeyyuu rakkoon hojii dhabdummaa babal'achaa jiraachuu barreeffamni mariif dhiyaate irratti ka'eera jechuun BDhKMNO gabaaseera. .

Rakkoowwan gama pirojaktootaan jiran haala furuun danda'amurrattis hojjatamuu akka qabu eerameera.

Mootummaa fi dhimmamtoonni qindoominaan hojjachuu fi to'annoof horodoffiin barbaachisaa ta'uu isaa ibsameera. 

Investaroonni yeroo gara hojittii galan haala walii galteetiin akka hojjachuu qabanis eerameera. 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015