Hokkara Magaalaa Hararitti Uumameen Walqabatee Shakkamtoonni 87 To’ataman

58

Hararii Amajjii 18/2012 (TOI) - Magaalaa Hararitti waytii ayyaana Cuuphaa hokkara uumameen walqabatee shakkamtoonni 87 to’annoo jala oolaniiru.  

Hogganaan Biiroo Nageenya mootummaa naannoo Hararii obbo Naasir Yuuyyaa ibsa laataniin rakkoo nageenyaa torbee darbe uumameen lubbuu namaa fi qabeenyaarra miidhaan ga’uu himaniiru.    

Rakkinicha kan uumaan qaamolee kaayyoo siyaasa dhokataa qabani dha jedhaniiru.    

Rakkina uumameen lubbuun namaa 1 yoo darbu namoota 7 irra miidhaan qaqqabuu isaas dubbataniiru.

Dabalataanisa gamoowwan 11 irraa fuulleewwanii fi meeshaaleen yoo caccaban, konkolaataan 2 fi Bajaajiin 4 ibiddaan gubachuu himaniiru.  

Sochii mootummaan naannichaa olaantummaa seeraa kabachiisuu fi nageenya lammiilee eegsisuuf taasiseen shakkamtoota 87 to’annoo jala yoo oolchu kanneen keessaa shakkamtoonni 63 dhimmi isaani mana murtiin ilaalamaa jiraachuu hoggantichi hubachiisaniiru.  

Waytii ammaa kana nageenyi bu’uu kan kaasaan hoggantichi, abbootii gadaa, jaarsolii biyyaa, abbootii amantaa, dargaggoota waliin mari’achuun hojiin nageenya naannichaa eeguu hojjetamaa jira jedhaniiru.  

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015