Itiyoophiyaa Fi Kuweet Jidduutti Mariin Walii Galtee Hojjettoonni Itti Bobba’an Mallatteessuuf Dandeessisu Taasifame

111

Finfinnee Amajjii 14/2012 (TOI) - Itiyoophiyaa fi Kuweet marii Amajjii 12 fi 13 bara 2012 Kuweet hoteela Sharaatanitti gaggeessaniin marii waliigaltee hojjettoonni itti bobba’an mallatteessuuf dandeessisu mallatteessan.        

Jilli dippilomaasii imbaasii Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Abdulfattaah Abdullaahiin durfamu, jila gargaaraa dhimmoota qoonsilaa Ministeera Dhimma Alaa Kuweet Saamii Abdulaaziiz Ahimadiin durfamu waliin ta’uun bakka buutota dhaabbilee mootumma Kuweet garagaraa waliin sanada wixinee qophaa’e irratti marii taasisaniiru.     

Mariin garee lamaaniin gaggeeffame bu’aa gaariin kan xumurame yoo ta’u, dhimmoota osoo hin xumuramiin hafan muraasa yeroo gabaabaa keessatti xumuruun gara hojiitti hiikuuf waliigalameera.   

Waliigaltee kana irratti ambaasaaddar Abdulfattaah Abdullaahii, dippilomaatonni imbaasii, Ministeera Dhimma Alaa RDFItti daayrektarri dhimma giddugala bahaa obbo Birhaanuu Jibriil, akkasumas jilli Ministeera Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa FDRI irraa walitti babba’an hirmaatamniiru.     

Madda:- Ministeera Dhimma Alaa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015