Yunivarsiitii Wallaggaatti Barumsi Jalqabame

61

Naqamte Amajjii  14 /2012 (ToI) Yunivarsiitii Wallaggaatti hojiin baruu fi barsiisuu jalqabamuusaa Yunivarsiitichii fi barattoonni ibsan.

Pirezidaantiin Yunivarsiitichaa Dr. Hasan Yuusuufii fi barattoonni tokko tokko TOIf akka himanitti barumsi baatii tokkoo oliif addaan cite Kibxata darbee kaasee jalqabameera.

Amajjii 12/2012 kaasee baruu fi barsiisuun idileedhaan jalqabamuusaa pirezidaantichi mirkaneessaniiru.

Yeroo barumsaa kanaan dura jala darbe sagantaa torbee fi galgalaatiin bakka buusuuf barsiisotaa fi barattoota waliin waliigalamuusaa ibsaniiru.

Nageenyaan wal qabatee tajaajilli mana kitaabaa galgala amma saa’a tokko qofaatti tajaajila kennaa ture gara saa’a 24tti akka deebi’uu fi tajaajilli intarneetii waay- faayii dhiheenyatti hojii ni calqaba jedhaniiru.

Barattoonni Yunivarsiitichaa tokko tokko akka jedhnitti barumsa addaa cite itti fufuu fi yeroo barumsaa jala darbe sagantaa bakka buusuuf qophaa’uusaanii ibsaniiru.

Barsiisonni yeroo ramadameefitti kutaa galanii barsiisaa akka jiranii fi yeroo barumsaa jala darbe bakka buusuuf waadaa akka galaniif ibsaniiru.

Barumsi addaan cituusaatiin kan miidhaman isaan ta’uu kan himan barattoonni, yeroo rakkinaa sanatti tokkummaa fi jaalalaan waan argatan waliin nyaatanii dabarsuusaanii dubbataniiru.

Yunivarsiitiin Wallaggaa hojii kan calqabe bara 1999 yoo ta’u, bara barumsaa kanatti barattoota kuma kuma 37 ol sadarkaalee digirii calqabaa fi digirii sadaffaatti barsiisaa akka jiru ragaaleen ni mul’isu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015