Manni Marichaa Raawwii Hojii Baatii 6 Kan Komishinii Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa Boru Ni Qorata

100

Amajjii 13/2012 /TOI/ - Manni mariee bakka bu’oota ummataa raawwii hojii baatii 6 kan komishinii mirga namoomaa Itiyoophiyaa boru ni qorata 

Manni maree bakka bu’oota ummataa RDFI boru walga'ii idilee 10ffaa kan waggaa 5ffaasaa ni gaggeessa.

Manni marichaa walga'ii isaa kanaanis raawwii hojii baatii 6 kan Komishinii Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa ni dhaggeefata jedhameera.

Walga'ichaanis wixinee labsii namaan daldaluu, nama karaa seeran alaatin daangaa ceesisuu ittisuu fi to'achuuf qophaa'erratti mari'atee ni raggaasisa jedhametu eegamaa.   

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015